Abbebbech, Dubaree Baajaajii Konkolaachistu
Dawit Girma
Yirgalem Birhanu

Baajaajiin konkolaataa miilla sadiiti.

Magaalaa keessatti bakkaa bakkatti ariitiin socho'uun tajaajila.

1

Naannoo keenyatti, konkolaachisummaan olaantummaa dhiiraan kan qabamee dha.

Dubartootni tasumaa itti hirmaachuu kan hin dandeenye jechuu dha.

2

Guyyaa tokko Abbebech maatii ishee qarshii leenjii konkolaachisummaa ittiin barattu akka kennaniif gaafatte.

Yoos kana maatiin ishees akkana jechuun deebisaniif, "Hojiin konkolaachisummaa dubartootaaf kan hin malle. Namootni maal nuun jedhu?"

3

Haa ta'uyyu malee Abebech osoo abdii hin kutin itti fufuun, "Ani hojii namni kam hojjechuu danda'uu malu hojii kamiin iyyuu hojjechuuf dandeettii nan qaba." Jechuun maatii ishee amansiifte.

Yoos kana maatiin ishees akka isheen leenjii konkolaachisummaa fudhattuuf eyyamaniif.

4

Abbebechis leenjii ishee haala gaariin xumurte.

Maatiin ishees itti fufuun maal akka gochuu qaban mari'atan.

5

Sana boodas Abbebechiif baajajii bituuf walii galan, bitaniifis.

Abbebechis baajaajii sana daandii DB irraa oofu/konkolaachisuu eegalte.

6

Guyyaa tokko yaadni guddaan/gaariin tokko Abbebechitti mul'ate.

Yaadichas duuba baajaajii ishee irratti lakkoofsa bilbila ishee waliin maxxansite.

7

Beeksisichis akkana jedha, "Haadholii/harmoolii ulfaa ykn kan dhiyootti da'an akkasumas ijoollota tolan tajaajila /kaffaltii tokko malee."

Hunduu dubartootaa fi haadholiin ijoolleen jalaa dhukkubsatan hundi Abbebechiif bilbiluu eegalan.

8

Abbebech namoota bakkaa bakkatti imalan tajaajiluun kan isheen galii/qarshii argattu.

Haa ta'u iyyuu malee namoota harka qalleeyyiif tajaajila tolaa kenniti turte.

9

Abebbechis waa'ee hojii isheetti gammadduu turte. Haadholiif maanguddoon hunduu ishee ni eebbisu turan. Namootni hunduu waa'ee gaarummaa ishee odeessu turan.

Abbebechis akkana jette, "Hojii gaariin gaarummaafi."

10
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Abbebbech, Dubaree Baajaajii Konkolaachistu
Author - Dawit Girma
Translation - Amanuel Teklu
Illustration - Yirgalem Birhanu
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs