Abbaa Seeraa Abbiidhoo
Magabi Eynew Gessesse
Brian Wambi

Hiriyyotni hiyyeyyi lama ollaa waliin turan, Boonaafi Turaa jedhaman. Gaaf tokko, Boonaan Turaan akkas jedheen, "Har'a, garbuu kiyya qabadhee gabaa bahuu qaba. Garuu Jooniyaan baayy'ee ulfaata, idddoon gabaas fagoodha. Osoo maallaqa gahaa qabadhee harree nan bitadhaa ture."

1

Tolaanis yaada Boonaan kaase fudhachuu isaa mataa raasuun erga agarsisee booda, akkas jedhe, "Anis, okkotewwan haara tokko tokko bittachuuf har'a gabaa deemuun qaba. Okkotewwan kun Baayyee ulfaatuu malan. Harree tokko osoo qabaadhe nan hawwa. Garuu maallaqa harree naa bitu gamisa qofa qaba."

2

Boonaan rakkoo kanaaf yaada furmaata qaba. "Harree waliin haa bitanu. Walakaa gatiisa situ kafala walakaa immoo ana kafala. Torbaan tokko ani harricha qabadhee gabaa baha. Torbaan itti aanu ati fudhatte gabaa bahuu ni danddessa." Haaluma kanaan, Boonafi Turaan haree bitatani. Yeroo dheeraaf gammachuun wajjiin turan.

3

Gaaf tokko, abbaan Boonaa hin du'e. Boonanis qabeenya abbaa isaa hunda, kan akka lafa qotissaa, baargamoo, loowanfi hoolota dhaale. Boonaan amma, sooressa waan ta'eef Tolaa wajjin hojjachuu hin barbaadne. Walkkaa harichaa qoodachu barbaade malee.

4

Boonaan Tolaan akkas jedheen, "Sarootni kiyya foon naachu kajeelaniru. Harree keenya qaluun barbaaada. Walkkaa isa fudhachuu ni danddeesa anis walakkaa nan fudhadha. Tolaan booyaa, boonan akkana jedheen, Ani foon homaatuu hin barbaadu harerricha qofa barbaada. Yoo harricha qaluu yaadde, gatiisa walakka naaf kennita." Boonan hin aare. "Qarshii homaatuu si hinkennu. Walkaan foon harricha fudhadhu, yoo diddee abbaa seeraa bira deemna. Inni murtee nuu kennu danda'a," jedhe Tolaan.

5

Boonafi Tolaan abbaa seeraa bira deeman. Abbaan seeraa kun nama abiidhoo ture. Wana itti himan sirritti hin dhageefane. Abbaan seeraa akkas jedhe gaafate, "Harreen kun kan keessan lamaaniti?" Eeyyee jedhan, Boonafi Tolaan. "Akkas taanaan, "Walakaan kan keeti walakaan immoo kan isaati." Boonaan qooda isaa yoo barbaada ta'e fudhachuu danda'a. "Harricha qalaati bakka lamatti addan qoodadha."

6

Boonaan gammadera. Harricha erga qale booda foon qoodate sarootaa laatuuf gara mana isaa deeme. Tolaan ammoo gadde, yaada'ees. "Harreen koo du'eera, amma booda waan maraa anumatu baachuu qaba," Jedhe.

7

Ji'oota muraasa booda, Boonaan hoxxee harawa ijaaruu barbaade. Akkas jedhees yaade, "Hoxxee koo dulloomaa ni guba isa haarawa guddaa ni ijaara." Boonaan meeshaale hunda hoxxee keessaa gugguuru jalqabe. Tolaanis ilaalee, akkana jedhee gaafate. "Maal hojjachaa jirtaa?" Hoxxee koo dulloomaa gubuuf deema, isa haarawa ammo ni ijaara. "Tolaan yaada'eera, hoxxeen kiyyaafi kee walitti aanani bar. Hoxxee kee kan gubdu yoo ta'ee kiyyas ni gubata."

8

Boonaan baayyee aare. Na dhoorkuu hin yaalin! Kun hoxxee kiyyaa, yoon barbaade nan gubaa. "Dhaabii narraa! Abbaa seeraa bira deeminee haa gaafanu, jedhe Tolaan imimmaan harcaasaa. Abbaa seeraa bira deemani dhimma isaanii itti himatan, abbaan seeraa abiidhoon sirritti hin dhageefane hin galleeefis. Garuu, akkana jedhee murtii kenne," boonaan hoxxee isaa haa gubu kan isaa waan ta'eef eenyuyuu isa dhoorkuu hin danda'u.

9

Haaluma murteetiin, Boonaan hoxxee isaatti abida qabee gube. Bubbeen abida gara mana Tolaatti waan dabarsiteef manni Tolaa illee hin gubate. Boonaaf Tolaan yeroo lammataaf gara abbaa seeraa deebiani deeman. Tolaan akkas jedhe booyee, "Kunoo Boonaan hoxxee kiyya gubeera naaf kafaluu qaba." Abbaan seeraa akkas jedhe murteese, "Lakki Boonaan hoxxee ofii gube, hoxxee kee kan gube bubbeedha, Boonaan mallaqa isa kennu hin qabu."

10

Tolaa gammachuu hin itti hin dhagahamne. Harref mana isaa dhabeera.Wanti harkatti hafe lafa qotiinsa qofa. Guyyaa mara qotaa oola. Halkan huda immoo maatii isa waaliin muka jala bula.

11

Ammaa waqitii asmaraan sabaasabamu. Tolaan Hojii qotisaa ciminaan hojjachaa oole. Ni arama, simbirro midhaanirra ari'a. Gara biraatiin shumbura maassarraa jiru Baayyee misera.

12

Gaaf tokko, ilmaan Boonaa abbaa isaanii ilaaluuf yemmuu deemani Oorruu shumbura Tolaa bira dabran. "Shumburaan, ni miawa," jedhee iyyee ilmi Boonaa tokko. Battalumatti, ijooleen kun gara oorruu Tolaatti seenaani shumburricha nyaachuu eegalan. Yeroo gabaaba booda shumburaan hedduu nyaatame dhume.

13

Tolaan ijoolee shumburaa nyaatan fagoo argee, hatattaman gara oorruu isatti fiige. "Shumbura kiyya naa deebisa," jedhee gaafate. "Sii deebisuu hin dandeenyu nyaanee jiraa," jehdan ijooleen. "Abbaa keenya gaafadhu, inni gatii shumburichaa siif kafala."

14

Tolaan Boonaa bira deemee, "Ijooleen kee shumburaa kiyya hunda nyaataniiru jedheen." "Boonanis akkas jedhee deebise," Gatii shumburaa nyaatame siifan kafala." Anii qarshii kee hin barbaadu, shumbura kiyya deefachuu barbaada," jedheen Tolaan. Turi! Deemne abbaa seeraa haa gaafanu, jedheen Boonaan.

15

Boonaf Tolaan yeroo saddaffaaf abbaa seeraa bira deemani. Abbaan seeratis, akkuma armaan duraa waan itti himamu qalbiin hin dhageefane. "Ijoolleen Boonaa shumbura kee nyaataniru, kan nyaatan hunda deebisu irraa eegama. Garaa tarsaasii shumburaa kee deebifadhu," jedhe abbaan seeraa, Boonaan yemmuu kana dhagahe baayyee rifate. Kun hin ta'u ijoolleen koo ni du'u. Maaloo, Tolaa maallaqa siif kenna akkas hin godhiin jedhe kadhate. Ennaa ati harree keenya qalte maalaqa barbaadee ture jedhe Tolaan.

16

Ennaa Tolaan ablee isa qabatee mirmise, Boonaan akkas jedhee kadhate, "Dhiifama naa godhi, mana kee gubuu kootiif, mana haara sifaan ijaara." "Mana haara hin barbaadu. Shumbura kiyya barbaada," jechaa albee isaa dhagaarratti qaruu eegale. "Maaloo turi, jaarsolee bira deemina. Maaloo hiriyyaa koo kan durii, mee jaarsoleen nuu haa ilaalani," jedhe Boonaan.

17

Boonaaf Tolaan murtee barbaada jaarsolee bira deemani. Jaarsoleenis yeroo dheeraaf erga mari'atan booda, boonaatiin akkas jedhaniin, "Ati dogoggortee jirta. Gatii harree qooda isaa hin kafaleef, hoxxee isaa jalaa gubdeta, ijooleen kee shumburaa isaa nyaataniru."

18

Itti aansee gara Tolaa garagalani. Atis ijoolllee Boonaa ajjeessuf yaaluun dogoggora. Nuti jaarsoleen, dubii keessan qorannee murtii kennineera. Boonaani qabeenyaa qabu keesaa gamsaa, baargamee, oorruu, saawanifi fi hoolota Tolaaf haa kennuu. Kana booda nagaan waliin jiraachuu dandeesani.

19

Haaluma murteetin Boonaan qabeenya isaa irraa gamsa Tolaaf kenne. Kana booda jarreen kun osoo wal hin loliin gammachuuin wajjiin jiraatan.

20
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Abbaa Seeraa Abbiidhoo
Author - Magabi Eynew Gessesse, Elizabeth Laird
Translation - aman kadiro
Illustration - Brian Wambi
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud