Jaldeesafi Hongee
Alice Edui
Salim Kasamba

Sababa Hongee cimaatin, nyaannif bishaan dhibee namniif horiin huqqatan. Lageenif mukeenis gogaani.

1

Jaldeesoni baay'ees nidu'ani. Gaaf tokko, jaldeessi tokko bakka hongeen hinjirree barbaachuf murteesite.

2

Jaldeessi kunis bosona, tulluuf hallayya qaxaamurun guyyaa dheeraf bakka hongeen hinjirre barbaadde.

3

Dhumaa irraattis, Jaldeesi kun bakka Tirkol jedhamu geese.

4

Bakka kanattis, fudura adda addaafi laga fincaa'a argatee baay'ee gammade.

5

Jaldeesi kunis achuma turte. Nyaataf bishaan gahaa argatee furdate.

6

Yeroo muraasa boodas, eenyutu hongee irraa akka oole ilaaluf fudura fudhate bakka duritti deebitee.

7

Yommuu bakka durii geesus, jaldeessoni lubbun jiran ishee simatan.

8

Jaldeesonni hundi fuduricha nyaachu barbaadan. "Bakki fudurri akkasi jiru essaa? Waliin deemuu dandeenyaa?" jedhan.

9

Jaldeesi kunis bakka Ebifama Tirko jedhamu isaan geesuf waadaa galee.

10

Jaldessoni hundi gara Tirkol deeman. Nyaataf bishaan sirritti argatan. Achuma turuufis murtessan.

11

Jaldeesonni Tirkol naannon isaani jaldessota biraan qabamuu isaa baran.

12

Fuduraan lafa isaani waan dhumaa jiruuf, Jaldeessonni Tirkol warra kanbiraa ari'uf murteessan.

13

Gaaf-tokko, Jaldeessonni Tirkol, jaldeesota bakka biraa dhufaan uleef dhakaan ari'uuf deeman.

14

Jaldeessi tokko dursee jaldeessa Tirkol qabee, "Maalif nu ari'uf dhuftan? Nyaani asjiru numaraa nugahaa," jedheen.

15

Nyaanni Tirkol jiru hunduma issaani akka gahu waan hubatanif lola malee waliin jiraatan.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Jaldeesafi Hongee
Author - Alice Edui
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - First paragraphs