Sharariitii Dadhabaa
Ghanaian folktale
Wiehan de Jager

Anansin sharariitii dadhabaa dha.

1

Nyaata nijaallata garu bilcheessuudhaan dadhabaa dha.

2

Anansinis Illeeti bira dhaqee akka fudura ishe kennituuf gaafate.

3

Illeetinis, "Tole, nyaata sochoosuu nagargaari," jette. Ananis garuu dadhaba dha.

4

Anansin, "Deebi'een dhufa." Jedhee deeme.

5

Anansinis dirii isaa miila tokkotti fiixa isaa distii Illeettiti maree.

6

"Yommuu nyaanni bilchaatu dirii koo qabii naharkisii," Jedhee deeme.

7

Anansin, "Baaqela kee naaf laatta Jaldeesso?" Jedhe. Jaldeesis, "Eyyee. Muraa isaa nagargaari," jedheen.

8

"Deebi'en dhufaa," jedhee ammas dirii isaa Baaqelichatti maree deeme.

9

"Dinnicha kee naflaataa karkaroo?" jedhee gaafate. Karkaroonis, "Eyyee qopheessu isaa nagargarii," jedheen.

10

"Deebi'en dhufa," jedhee ammas dirii isaa itti maree deeme.

11

Haala kanaan Anansin miila isaa saddeet distii adda addaa irraatti mare.

12

Anansin diriin miila isaa tokkoffaa, lamaffaa, sadaffaa yommu harkifamu itti dhagahame.

13

Diriin miila isaa saddeet distitti qabsiise harkifamaa dhufe. Anansinis, "Na hinharkisinaa!" jedhee booye.

14

Anansinis kan dhagaye garuu hinturee. Dirichis baay'ee isaa harkisaa ciccitaa dhufe.

15

Miilli Anansi baay'ee harkifame waan tureef isaa booda shararitin miila qal'aa dheeraa godhatan.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Sharariitii Dadhabaa
Author - Ghanaian folktale
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Wiehan de Jager
Language - Afaan Oromo
Level - First sentences