Waraabessa, Illeetifi Gabate
Charles Katiwa Kiema
Salim Kasamba

Bara durii, Waraabessaafi Illeetin hiriyyaa turan. Lamaanu hiyyeesota garuu Illeetin harreefi gabate harreen bishaan ittin dhuguu qabdi.

1

Ganama tokko, Illeetin gabateen isaa xiqqoo waan ta'eef, gabatee waraabeessaa isa guddaa akka ergisuufi gaafate. Waraabesis nikeenef.

2

Illeettinis gabatichan Harre isaa bishaan obaase fudhate gale.

Torbee lama boodas, waraabesi gabate isaa dhaqna dhiqachuuf waan barbaadeef gara mana Illeetti deeme.

3

Illeetinis gabate isaa duraa fudhate kan Waraabessa waliin kenneefi, "Gabateen kee mucaa godhate kanaafuu lamaansa fudhuu," jedhe.

Waraabeesis gammade fudhate.

4

Yeroo booda, Illeetin Harree isaa bishaan obasuuf Waraabessan gabate gaafate.

Waraabessis gabatee lama waan qabuuf, gabatee isa guddaa kenneef. Illeetinis gabate Waraabeessa isaa guddaa fudhatee gale.

5

Waraabessis gabaten isaa yommuu dhaluu Illeetin naaf fida jedhee eege. Garuu gabaten isaa waan jalaa tureef gara mana Illeetti fudhachuuf deeme.

Illeetinis, "Gara mana kee dhufaan jira oduu gaddisiisa sitti himuufi. Gabateen kee bultii lama duraa du'ee. Wanni lubbuu qabu ni dhalata nidu'aas," jedhe Waraabessan.

6

Waraabessi amanu dadhabee, "Waan kana bineensonni gurguddoo murtoo nuf haakennani," jedhe.

Arba, Gafarsa, Roobiifi Satawaanis Waamamani.

7

Illeetinis waan ta'ee akka ibsuuf gaafatame. "Dura gabateen ani waraabeessa irraa ergifadhe mucaa dhale. Anis mucaa isaa waliin nankenneefi. Gabateen yeroo lammaffaa irraa ergifadhe garuu osoo mucaa hin godhatin du'e. Wanni lubbuu qabu hunduu nidu'a," jedhe.

Bineensonni hundi yaada kanaan walii galan. Waraabeesis haala kanaan gabatee isaa isa guddaa dhabee.

8
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Waraabessa, Illeetifi Gabate
Author - Charles Katiwa Kiema
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud