Fattefi Bofa
John Emongot
Rob Owen

Bara durii Fatteefi Bofni ollaafi hiriyyaa turan. Ijoollen isaanis waliin taphatu.

1

Gaaf-tokko, Fatten, "Haadha koo dubbisuu deemufi, nawaliin dhufta?" Jedhee Bofa gafaate.

2

Boftis, "Eyyee," jedhe. Fattenis, "Tolee, garuu waan mana keenya nufeegu barbaadna," jedhe.

3

Jaldeessi waan gaarii ta'eef akka mana eeguuf gafaatani. Jaldeessis tolee jedhe.

4

Fattefi Boftis meeshaa karaaf ta'uu qoqopheeffatan. Fatten harmee isaaf Goondaa qopheesse.

5

Isaa boodas, deemsa eegalan. Osoo deemani Jeedallonii bosona keessa itti dhuufani.

6

Boftis baay'ee sodaate kirkirfame. Bofti siqsuu iyyuu, Jeedalonni itti dhiyaacha dhufan.

7

Battalumatti Fatten sagale guddaadhan forice. Jeedallonis rifatani baqatan.

8

Deemsa dheeraa booda mana haadha Fattee beela'ani gahan. Haati Fattees nyaata qopheessiteef.

9

Ergaa Nyaanni qophaa'ee booda, Fattefi bofti nyaachuf harka isaani dhiqatani.

10

Nyaachuu osoo hinjalqabin, Fatteen Bofan, "Ciiste nyaachun gadheedha. Harmeen koo nidheekamti olka'ii," jedhe.

11

Boftis olka'ee taa'uuf baay'ee yaalu iyyuu taa'uu garuu hin dandeenye.

12

Bofti osoo olka'ee taa'uuf yaalu, fatteefi harmeen isaa nyaata eegalan.

13

Boftis aaridhan, "Olka'ee sirriitti taa'uu hin dandeenye," jedhe. Fatteen garuu Jalaa calisee.

14

Boftis waan aaref callise gara mana isaatti deebi'uuf murtesse.

15

Bofti osoo gara mana isaatti deebi'a jiruu, mala ittin Fatteef olmaa isaa deebisuu yaade.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Fattefi Bofa
Author - John Emongot
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Rob Owen
Language - Afaan Oromo
Level - First paragraphs