Warabessaafi Qaamale
Mulualem Daba
Salim Kasamba

Bara durii Qaamaleefi Warabessii jiru turan.

Isaanis guyyaa tokko wal lolaani gara abba alangaatti furmaata barbaacha deeman.

1

Abbaan alangichiis erga dhimma isaani dhagahee booda murtessuu sodaate.

Innis sammuu isaa keessatti akkas jedhe yaade, "Warabessa kanatti yoon murtesse horii koo najala nyaata yoon Qamaaletti murtessee immoo boqqollo koo najala fiixxi. Akkam gochuu naaf wayya?"

2

Abban alaanganis erga xiqqoo itti yaade booda, "Ani dhimaa kana kophaakoo hiiku waan hindandenyeef gara jaarsooli gandatti osoo deemtan wayya," jedhee Qamaleef Warabessaa garaa jaarsoli gandaattii erge.

Qamaleef Warabessichiis tolee jedhani jaarsolii gandaa qunnamuuf deeman.

3

Jaarsoli Gandaattis waann irratti wal loolan itti himaan.

Jarsooliinis dhimma isaani ergaa dhagahani booda murtoo kennuuf soddatan.

4

Yoo Qamaaleef murtessan, warabessii horii isaani jalaa nyaata. Yoo warabessaaf murtessan immoo, Qamaalen midhaan isaani jalaa fiixxi. Kanaafuu, jaarsoliin dhiimmi kun murtoof ulfaata ta’uu isaa Qamaalefi Warabeessatti himaan.

5

Battaluma sanatti jarsoolin gandaa sun jaarti hiyyeetti tatee tokko yaadatani. Namichi kun horiis, midhaanis hin qabu.

Kanaafu, sooda tokko malee murti kennu danda’a jedhanii waan yaadaniif Qaamalefi Warabessaa gara namicha hiyyeessa kanatti eergan.

6

Isaanis garaa mana jaarti kana deeman. Yommu achii gahaniis rakkinaa isaani itti himanii murtoo akka keenituufif gaaffatan. Jaartinis murtessuf waligalee.

Garuu qopha qophatti isaan dubbisuuf akka barbaaddu isanitti himte.

7

Jalqaba Warabessan waamtee, "Ati kabajama, guddaa fi goota dha. Akkamitti muyiif cittooftu Qamalee kana wajjin walloltaa?"

8

Jaartin hiyyeetti kun warabessan, "Namni osoo kana dhagahee kan salphaatte isatti fakkata. Kanaafu, lolaa Qamaale waliin qabduu osoo dhiiste siif wayya," jetteen.

Warabesichiis, "Dhugaa keeti ishiin hiriyyako miti. Anii dhimma kana dhiseera," jedhe waliigale.

9

Itti ansuudhan Jaartin hiyyeetti kun Qamaale qophatti wamee akkas ittin jette, "Ati abshaalafi midhaagdu dha. Akkamitti Warabessa xurawaa, ajawaa fi waan tortore nyaatu kana waalin wal loltaa? Namonni uumaama fokkisaa kana wajjin wal loluukee osoo dhagahani maal siin jedhu?" Jetteen.

Qaamalenis xiqqoo itti yaadde, "Dhugaadha! Ani dhimma kana dhiiseera," jetteen.

10

Isaa boodas, Jaartin hiyyeetti kun Qaamaleef Warabessa walitti waamtee, "Dubbii kana dhiisu qabduu. Kanaafuu, ammaa dhiifama waal gaafatadha," jetteen.

11

Isaanis dhiifama walgaafatani walitti araaraman.
Namoonni gandichaas kana dhagahanii baay’ee ajaaibsifatan. Rakkina abba alangaafi jaarsooliin kan hiiku hin dandeenye, hiyyeettin jaarti tokko furmaata argateef.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Warabessaafi Qaamale
Author - Mulualem Daba
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs