Haadha Warraa Hamtuu
Abiyot Legesse
Jesse Breytenbach

Mucaa dargageessa harmee isaa waliin jiratu tokkotu ture. Harmeen isaas nyaata isaa qopheessitifi huccuu isaas in miccitifi ture. Yeroo boodas, mucaan haadha mana fuudhe harmee isaa waliin jiraachu eegalan. Yeroo jalqaba nagaan jiraachaa turan. Garuu ji'aa lama booda harmeefi haati mana mucaa waliigaluu hin dandeenye.

1

Gaaf tokko, abbaan manaa qotiisa oolee barfate dhufe. Akka mana gaheen, "Baay'ee beela'eera. Irbaatni koo eessa jiraa?" jedhee yommu haadha mana isaa gaafatu caaluma jala jette. "Maal rakkinni jiraa?" jedhee gaafate. Isaa booda, haati mana isaa boo'uu eegalte. "Harmeen kee na jibbaniru. 'Salphoo!' 'Dadhabduu!' jette na arabsite. Kanaafuu, kana booda ani harmeekee waliin hin jiraadhu,"jette itti himte.

2

Yommuu namichi haadha mana isaa ijaa keessa ilaalu akka jallatuni hubate. "Hadara maaloo harmee koo waliin jiraadhu. Isheen dulloomtetti. Hangaa dhumaatti nu waliin hin jirattu. Amma, irbaata naaf kenni," jedheen.

3

Haati mana isaas, "Irbaatni hin jiru. Bakka harmeen kee jirtutti, nyaata qopheessu hin dandeenye. 'Kun sirriidha, kun dogogora, kun yaraa dha' nan jetti," jetteen. "Maalan godhaa kana?" Kun mana harmee koo dha. Callise harmee koo manaa ari'uu hin danda'uu," jedhe abbaan warraa ishee. Haati mana isaas, "Ana yookin harmeekee keessaa nama tokko filadhu," jetteen."

4

Galgala sana abbaan manaa hagabuu isaa rafe. Garuu hirribni isa qabuu hin dandeenye ture. "Maalan gochuu qaba? Haala kaamin harmee koo yookan haadha warraa koo keessa nama tokko filachuu danda'aa? Harmeen koo baay'ee na jaallati. Haati mana koo immoo bareeduudha. Nan jalladhani. Isheen ala jiraachu hin danda'u," jechaa yaada bule.

5

Ganama haati mana isaa, "Lamaan keenya keessaa nama tokko filatetta? Jette gaffaten? Innis, "Anoo lamaan keessanin filadhe!" Jedhe. "Lamaan keenya filachu hin dandeessu. Kanaafu, haadha kee ajjeesiti, anaafi ati gammachun jiraana," jetteen."

6

Namichis aaridhan dhiise gara qotisaa deeme. Guyyaa guutu garuu waan gochuu malu itti yaadaa oole. Dhuuma irratis, "Haati mana koo sirriidha. Harmeen koo dulloomtetti. Kanaafu, gara qileeti geessse, qilee keessa buusen ajjeessa. Isaa booda anif haati mana koo gammachun jiraana," jedhe murteesse.

7

Yommuu inni qotisaa irraa garaa manatti deebi'uu haati mana isaa, "Filattemoo hin filanne?" Jetten. Innis, "Eyyeen filadheera. Siin filadheera. Bor harmee koo gara tabbatti fuudhe deeme qilee keessa ishee buusa. Amma irbaata naaf keenni beela'eera," jedheen. Haati mana isaas, "Tolee. Nyaata ati jallatuu hundaa siif hojjedhera. Yommuu harmeen kee duutu yeroo hundaa siifan qopheessa" jetten.

8

Bulee isaa, abbaan warraa harme isaan,"Harmee anaaf ati gara tabbaa baana. Baay'ee iddoo namatti toluu dha," jedheen. Harmeen isaas aja'ibsifachuudhan, "Ani dulloomera. Tabba bahuu hin danda'uu," jetten. "Ani siin baadha," jedhe. Isaa boodas, harmee isaa baate gara tabbatti deemsa eegale. Yeroo duraa harmeen isaa gammachun odeesiti ture. Mucaan ishee garuu homaa tokko iyyuu hin dubbatu turee. Yeroo xiqqoo booda harmeen isaa dubbachu dhabdee.

9

Osumaa haadha isaa baate deemu, dhumaa irratti gara fiixaa tabbicha irra gahee. Harmeen isaas, "Mucaa koo, ani waan hundumaa nan hubbadha. Qilee kana irraa na darbadhuu. Garuu yommuu na darbatu akka na walin qilee keessa hin buune muka kana qabadhu," jetten. Mucaan ishees baay'ee aja'ibsifate, "Harmee! Akka sii ajeessuuf sii fidee dhufee osoo beektu amma iyyuu na jallataa," jedheen. Harmeen isaas xiqqoo gaditee, "Yaa ilmaa koo haadha qofatuu beeka jaalala dhugaa," jetten.

10

Mucaan ishees darbaachuu dhiise bukkee ishee gad taa'ee. Mucaanis, mataa qabatee yaadan, "Akkuma harmeen koo na jaallatu haati mana koos na jaallatii?" Jeecha xinxaluu eegale.  Booda irratis, "Haati mana koo abaaramtuudha. Duraa nan jaalladhani turee. Garuu amma dogoggora lammata hin uumu. Kanaafu, haadha mana koo ari'ee harmee koo waliin turuu naaf wayya," jedhe murtesse.

11

Mucaanis harmee isaa dugda isaa irratti baate gara manatti deebi'ee. Haadha mana isaa ishee hamtuus manaagadi ari'ee harmee isaa waliin gammachun yeroo dheeraaf waliin turan.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Haadha Warraa Hamtuu
Author - Abiyot Legesse, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jesse Breytenbach
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs