Qondaala Jaldeessaa
Bonsamo Miesso
Isaac Okwir

Jaldeessa guddaa tokkoofi hooma Jaldeessoota isa duuka bu'an jiru turan. Jaldeesichi abbaa irreedha!

1

Haa ta'u malee, Jaldeesonni gurguddon baay'ee hoomaa sana keessa turan. Kanaafuu, hooman sun Jaldeessa isa kamii irraa ajaja akka fudhachu qaban walii walaalu turan.

2

Kanaafu, Jaldeessi biraan tokko isaa mooti jaldeessottatin, "Nuyi hordoftoota kee akka taanuufi ajaja sii irraa qofa akka fudhanuuf, mallattoo adda ta'e qabaachuu qabda." Jedhen.

3

Innis, "Tole. Ani akka mallatooti mataa koo irratti carqi isaa itti madaa hidhan (bandeejii) maradha. Garuu isa booda hundi keessan ajaja koo fudhatu," jedhe. Isaanis irratti waliigalan.

4

Isa boodas, Jaldeessi tokko maata mootii Jaldeessoota kanaa irratti carqii madaa (bandeejii) nannesee mare. Ajajan Jaldeessotaa kunis akkas jedhe, "Har'aa eegalee hundi keessan waan ani isin ajaju qofa hojirra oolchitu. Akka enyuyyuu ajaja koo jalaa hin baane."

5

Kana boodas, yommuu ajajaan isaanii utaalu, warrii kaanis ni utaalu. Yommuu inni taa'u, warri kaanis ni taa'u, yommuu inni bookkisu, isaanis ni bookkisu. Waan inni godhee hundumaa godhu.

6

Yeroo dheeraa boodas, carqiin madaa (Baandeeji) inni mataa isaa irratti kaawwate dhiphachaa mataa isaa qabaa dhufe.

7

Gaaf tokko, mootiin Jaldeessotaa kun gadi taa'ee, "Carqiin (baandejiin) kun mataa koo nadhukkubsaa jira," jedhee mataa isaa qabate.

8

Jaldeessonni warrii hafanis, gadi ta'anii yommuu inni harka isaa mataa isaa irraa kaahu ilaalani isaanis harka isaanii hunda mataa mooti isaanirra kaahani, "Carqiin madaa (bandeeji) kun mataa koo nadhukkubsaa jira," jedheen akkuma ajajaan isaanii jedhe.

9

Mootin isaanis, "Maaloo! Ani baacaa hin jiru," jedhe. Isaanis, "Maaloo! Ani baacaa hin jiru," jedhan. Mootichis deebisee, "Wanti kun na ajjeesaa jira," jedhe. Isaanis irraa qabanii, "Wanti kun na ajjeesaa jira," jedhan.

10

Isa boodas, mootiin isaani dhakaa irratti kufe. Isaanis waan inni godhe arganii hundi isaanii dhakaa irratti ofkuffisan. Yommuu mootin isaani du'uuf wixxifatu isaanis akkuma mooti isaani wixxifatan.

11

Mootin isaanii miidhaa irragaheen du'e. Garuu hoomaan Jaldeessaa sun osoo hin du'in hafan.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Qondaala Jaldeessaa
Author - Bonsamo Miesso, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Isaac Okwir
Language - Afaan Oromo
Level - First paragraphs