Namoota gowwaa shan
Chuol Dow Wich
Kenneth Boyowa Okitikpi

Yeroo tokko namoota gowwaa shan waliin jiraatu turan. Waan hunda qooddatan.

Gaaf tokko, nyaanni isaanii dhume. Walgahii waaman. "Nyaanni keenya itti aanu eessaa dhufa?" isaan keessaa tokko gaafate.

1

Gaafii kanaaf deebii salphaa hin turre sababni isaas qarshii fi hiriyyaa hawaasa keessa waan hin qabneef.

Sekondii muraasa erga yaadee booda tokko, "Haa deemnu!" Namni lammataa immoo, "Eessatti?"

2

Namni sadaffaan immoo, "Nyaata hatuuf," jedhe. Inni afraffaan immoo, "Hin qabamnu?" Namni shanaffaan immoo, "Waan sanaa hin yaadda'inaa!"

Namoonni shanan kun waan nyaatan hatuuf gabaa dhaqan.

3

Akkuma hanna jalqabaniin qabaman!

Namoonni shanan kunneen gara waajjira poolisiitti geeffamaniiru.

4

Yeroo qorannoo kanaatti poolisiin, "Nyaata hatuun yaada eenyuu ture?"

Jarri kun of gidduutti wacuu jalqaban. Sana booda akkamitti akka ta'e poolisiitti himan.

5

Namni jalqabaa kan jedhe, "Hatuu osoo hin taane dhiisuu qofa jechuu yaada dhiheesse." Namni lammaffaan immoo, "Eessa akka deemnu beekuuf fedhii guddaan qaba ture," jedhe.

Namni sadaffaan immoo, "Hundi keenya nyaata barbaaduuf waliigalle," jedhe.

6

Namni afraffaan immoo, "Hundi keenya akka qabamnu akeekkachiiseen jira," jedhe.

Namni shanaffaan immoo, "Hundi keenya hattuu ta'uu keenya ni beekna, kanaafis 'hin yaadda'inaa' jedheen," jedhe.

7

Poolisiin kana erga dhagahee booda namoonni shananuu hanna keessatti hirmaachuu isaanii hubateera.

Poolisichi, "Yaada badaa malee, waan hunda waliif qooduun yaada gaariidha!" jechun goolabe.

8
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Namoota gowwaa shan
Author - Chuol Dow Wich
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Kenneth Boyowa Okitikpi
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs