Mana barumsaa addaa keenya
Juwayiliya Bunaya
Yankho Jere

Ganda xinnoo Maalaawii tokko keessatti manni barumsaa addaa tokkotu ture.

Maqaa gabaabaa jaalalaaf ta'u Chiko jedhama ture.

1

Manni barumsaa keenya bakka abdii fi jaalalaa ture.

Mana barumsaa daa'imman abbaa fi haadha hin qabne akka koo ture.

2

Manni barumsaa keenya daraaraa halluu adda addaa qabuun marfamee ture.

Diimaa ifaa, keelloo aduu fi bifa nagaa qabutu ture.

Manni barumsaa keenya bakka gammachuu ture.

3

Hojjettoonni nyaata bilisaa fi uffata mana barumsaa nuuf kennan.

Nageenyi akka nutti dhagaʼamuu fi akka jaallatamnu nu godheera.

4

Osoo manni barumsaa kun hin jiraatin silaa dubbisuu fi barreessuu hin beeku ture.

Silaa lakkoofsa dabaluu ykn kitaabota keessatti seenaa nama gammachiisu argachuu hin baradhu ture.

5

Barsiisonniifi hojjettoonni mana barumsaa keenyaa akka maatii turan.

Barbaachisummaa fi akka jaalalli akka nutti dhagaʼamu godhaniiru.

6

Guyyaa hunda mana barumsa keeayatti waan haaraa gaariin ture.

Namoota gargaatuun akkamitti akka danda'amuu fi waan hojjenneef akka galatoofamnu baranne.

7

Manni barumsaa koo akkaataa dubbisuu fi barreessuu qofa osoo hin taane akkamitti nama fooyya'aa ta'uu akkan danda'us na barsiise.

Jaalala, gaarummaa fi barnootaan waanuma fedhe mo'uu akka dandeenyu natti agarsiise.

8
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Mana barumsaa addaa keenya
Author - Juwayiliya Bunaya, Zahira Suwedi
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Yankho Jere
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs