

Ternan nama mana hin qabne ture. Bosona keessa nyaataaf firii barbaade.
Yeroo tokko tokko jaldeessi fi gorillaan mukaa fi bosona keessaa yeroo isa ilaalan achitti rafa ture.
Bosona keessa naanna'ee mukkeen baay'achaa dhufan arge.
"Mukkeen kun asitti qisaasamaa jiru," jedhee yaade.
Naanna'uun dadhabee taa'ee muka tokkotti hirkatee rafe.
Mukkeen gaaddisa ta'aniifii simbirroonni sirba mi'aawaa sirbaa ol balali'an.
Yaada tokko qaba ture.
"Muka tokko tokko yoon mure maallaqa argadheen abbaa mana jireenyaa hedduu ta'uu nan danda'a ture."
Ganda dhaqee nyaatamururaa (saw) liqeeffate. Muka muruu jalqabe.
Gorillaan sun, "Maaloo muka hin murin. Nuufis simbirrootaaf mana. Firiin isaanii nyaata keenya," jedhee isa kadhate.
"Mana ofii koo ijaarrachuuf maallaqa na barbaachisa," jedhe Terna.
"Mana bineensotaa fi simbirroota hedduu barbadeessuun kan kee ijaarrachuuf ofittummaadha," jedhe gorillaan. Ternaan gadde. nyaatamururicha (a saw) gadi dhiisee gorillaa sana hammate.
Hiriyaan isaa gorillaan, "Ternan dhoqqee fayyadamee mansadiimaa (bricks) hojjechuu akka danda'uu fi margaa fi muka jige fayyadamuun godoo sana hojjechuu akka danda'u," yaada dhiheesse.
Haala sanaan, lamaan isaaniyyuu mana qabaachuu dandaʼu turan.
Ternaan tole jedhe. Yeroo baayyee gorillaa daawwata ture. Gorillaan hamma danda'e firii fi muka jige akka buqqisu isa hayyame.
Michoota baayʼee gaarii taʼan.

