

Madinaan intala hangafaa maatii Karembee ti.
Maatiin kun magaalaa Bandiyaagaaraa jiraatu.
Gaaf tokko galgala Madiinaan balbala cufuuf deemte.
Intala tokkoo fi gurbaa tokko argite.
Madina ijoollee keessummaa lama arguun ishee ajaa'ibsiifate.
Abbaa isheetiin, "Abbaa! Abbaa! Balbala irra ijoollee lamatu jiru," jettee waamte.
Abbaan fiigaa gara balbalaatti ba'e.
Ijoollee sana yommuu argu, "Isin eenyu? Eessaa dhuftan?"
Mucichi, "Ani Assamaa dha, kun obboleettii koo xiqqoo Yakôrômo dha," jedhee dubbate.
Assamaa fi Yakôrômo dadhaboo, sodaataa fi gaddaa fakkaatanii mul'atan.
Assamaan itti fuftee ibsuun, "Nuti ganda Songho, komini baadiyyaa Doucombo irraa dhufne."
Abbaan baay'ee rifatee dubbachuu dadhabe.
Madinaan, "Aabbaa, isaan galchi. Baay'ee dadhabaniiru, beela'aniiru. Nu barbaadu," jette.
Yakôrômo yeroo jalqabaaf dubbate.
"Gandi keenya haleelame. Warra keenya dhabne. Waan hunda dhabne."
Isheen sagalee xiqqoodhaan dubbachuu itti fufte.
"Guyyootaaf deemaa turre. Eessa akka deemnu, maal akka goonu hin beeknu."
Sana booda harka banatee abbaan ijoollee hammate.
"Ijoollee koottaa, kuni mana keessan. Gaafa boqottan waa'ee kanaa haasofna," jedhe.
Ijoolleen maatii sanatti makamuun irbaata nyaatan, kunis nyaata ho'aa guyyoota muraasa booda nyaatan isa jalqabaati.
Sana booda Madiinaan gara kutaa isaaniitti geesse.
Guyyaa sanaa kaasee Assamaa fi Yakoromo akka miseensa maatii KAREMBE ta'anii lakkaa'aman.
Ijoollee kaan waliin taphachuu fi hojii manaa hunda hojjetu.

