Nakaa fi Naalaan waa'ee lafaa haasa'u
Connie Makgabo
Vusi Malindi

Nakaa fi Naalaan iddoo biqiltuu keessa hojjechaa jiru. Kuduraa dhaabaa jiru.

"Maaliif aduu keessatti akkas cimnee hojjechaa jirra?" puffs Nala.

1

"Lafa waan jaallannuuf cimnee hojjechaa jirra!" jedhee iyye Naka

"Lafa yoo ilaalle lafti nu ilaalti" jechuun dabalata.

2

''Nyaata fayya qabeessa nyaachuu akka dandeenyuuf kuduraalee dhaabna,'' jedha Naakaan.

Naalaan itti dabaluudhaan, "Kuduraalee ofii keenyaa misoomsuun maallaqa nu qusachu

3

"Waa'ee lafaa maal jechaa turte? Dabalata natti himi?" jedhee Naalaan gaafate.

Nakaan, "Haa taa'uu, waa'ee lafa keenyaa sitti hima" jedha.

4

Nakaan akkas jechuun jalqaba, "Lafti pilaaneetii geengoo nuti irra jiraannudha.

Namoonni gara biliyoona saddeetitti siqan as jiraatu! Lafti aduutti naannaʼa."

5

Naalaan "Maaliif lafa irraa hin kufnu?"

"Humni harkisaa asitti nu qaba. Humni kun gara pilaaneetiitti nu harkisa,'' jechuun deebisa Naakaan.

6

"Lafa akkamitti kunuunsuu dandeenya?" jedhee Naalaan gaafate.

Nakaan deebisee, "Lafa faaluu hin qabnu. Balfa keenya hir'isnee deebi'ee fayyadamuu qabna."

7

Naka itti fufee, "Pilaastikaa, waraqaa, geejjibaa fi qaruuraa deebifnee fayyadamuu qabna.

Meeshaalee deebi'anii fayyadaman irraa wantoota haaraa hojjechuun ni danda'ama.

8

Nakaan akkas jechuun xumura, "Ilmaan namaa lubbuun jiraachuuf lafa waan barbaachisuuf kunuunsuu qabna."

Naalaan, "Hojiitti deebi'uu qabna!"

9

Nakaan namaaf jecha, "Ilmaan namaan akkaf lafa waanumaaf kunsuusuu."

Naalaan, "Hojiitti deebi'uu arga!"

10
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Nakaa fi Naalaan waa'ee lafaa haasa'u
Author - Connie Makgabo
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Vusi Malindi
Language - English
Level - First sentences