Rondavel keessa jiraanna
Nina Orange
Vusi Malindi

Namoonni mana gosa adda addaa hedduu keessa jiraatu. Manneen tokko tokko meeshaalee uumamaa kan akka margaatiin ijaaramaniiru. Manneen biroo meeshaalee namtolchee kan akka fuullee (Glass) fi konkiriitiin ijaaramaniiru.

Manneen tokko tokko meeshaalee uumamaa fi oomishamaniin kan ijaaraman yoo ta'u, akkuma rondavel seenaa kana keessatti mul'atu.

1

Kabo fi Thabo Botswana Aanaa Kgatleng, naannoo ganda Mochudi jiraatu. Warra isaanii waliin rondavel keessa jiraatu.

"Rondavel mana geengoo aadaa ta'ee fi foddaan isaa qoree irraa ijaarameedha. Manneen kunniin kutaalee kibba Afrikaa hedduu keessatti ijaaramaniiru," jechuun ibse Kabo.

2

Thabon itti fufee, "Rondavels baay'een isaanii geengoo dha, balbalaa fi foddaa qabu. Foddaa fuullee qabna, kan isaan bara durii hin qabne."

"Akaakayyuun keenya rondavel kana karaa aadaatiin ijaare. Abbaan keenya meeshaalee ammayyaa tokko tokko itti dabaleera," jedhe Kabon.

3

"Adeemsa ijaarsaa haa ibsinu," jechuun yaada kenne Kaboon.

Innis, "Ijaarsitoonni muka, qodaa, dhagaa, citaa fi pilaastara fayyadamaa turan," jedha.

Boolla qotuudhaan jalqaban. Boolla sana dhagaa xixiqqoo, biyyee fi cirrachaan guutan. Kunis bu'uura cimaa fi cimaa irratti ijaaramuu danda'u taasiseera."

4

Thabo itti fufee, "Ijaarsitoonni utubaa mukaa dheeraa gara bu'uuraatti, naannoo qarqara alaatti dhiibaniiru. Utubaa sana walitti hidhuun, dallaa alaatif goodayyaa (frame) mukaa tolchan.

Caasaan bu'uuraa erga xumuramee booda ijaartonni dhagaa walitti dhiyeenyaan goodayyaa (frame) keessa kaa'anii jiru."

5

"Itti aansuudhaan ijaarsitoonni suphee, bishaanii fi dhoqqee sa'aa walitti makaniiru. Kun ammoo dhagaan uumamaa yeroo gogu garmalee jabaa ta'e taasisa. Dhagaa sana bakka isaaniitti sirreessuuf dhagaa gidduutti kuufatanii turan," jedhe Kabon.

"Dhagaa fi dhagaa cileetiin ijaaruun dallaa cimaa yeroo dheeraaf turu taasisa," jechuun Thabon itti dabale.

6

Kaaboon, "Dallaa furdaan alaa rondavel keenya qabbanaa'aa godha," jedhe.

Thabon akkas jechuun ibse, "Qabbanaa'aa jechuun yeroo qilleensi alaa ho'u keessaa qabbanaa'ee turuu jechuudha. Ho'i aduu dallaa keessa darbuu hin danda'u."

"Iddoo qorri qorraa ta'etti, qabbanaa'aa kun ho'a keessa kaa'uudhaan yeroo qorraa rondavels akka ho'u taasisa."

7

Thabon akkas jedhe, "Sadarkaan dhumaa foddaa kaa'uu ture. Rondavels yeroo baayyee foddaa qoree qaxxaamuraa qaba.

Ijaarsitoonni qooxii mukaa utubaawwan gidduutti tuqaa tokkotti walitti hidhaman qabu hojjetan. Marga dilbii taʼe utubaawwan sanatti baqqaana tolchan. Dilbii mergaa kun bishaan hin seessisu."

8

Dilbiin margaa meeshaa faayidaa qabuu fi fooqiidhaaf fayyadu. Garuu meeshaan uumamaa kun ilbiisotaafi bineensota biroofis mana gaarii taasisa. Hedduun isaanii ilbiisota!

Suuraa ilaali hubadhu: Mi'aawaa (spider) sadii, giinxii (scorpion), xinziizaa(beetle), ririmaa fi hantuuta?

9

Dilbiin margaa meeshaa faayidaa qabuu fi fooqiidhaaf fayyadu. Garuu meeshaan uumamaa kun ilbiisotaafi bineensota biroofis mana gaarii taasisa. Hedduun isaanii ilbiisota!

Suuraa ilaali hubadhu: Mi'aawaa (spider) sadii, giinxii (scorpion), xinziizaa (beetle), ririmaa fi hantuuta?

10

Meeshaaleen uumamaa kan akka marga dilbii naannoo gaarii mi'aawaan (spider) akka jiraataniifi adamsan uumu.

Mi'aawaan marga dilbii hin miidhan ilbiisota biroo to'achuufis gargaaru.

Raammoowwan akka hantuutaa, tafkii fi ririmaa akka hin seenneef marga dilbii kunuunsuu qabna.

11

"Nuti rondavel kana keessa kan jiraannu baay'eedha!" jedhe Thabon, qooxii ilaalaa. Mi'aawaawwan ni sodaata.

"Uumamtoonni biroo naannoo keenya jiraatan maaltu jiru jedheen yaada?" jedhee gaafate Kabon rifachuudhaan.

"Yeroon mana koo ijaaru, rondavel kan foddaa dalduufaa(clay) qabuun nan ijaara!" jedhee kolfa Kabon.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Rondavel keessa jiraanna
Author - Nina Orange, Ursula Nafula
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Vusi Malindi
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud