

Namoonni mana gosa adda addaa hedduu keessa jiraatu. Namoonni tokko tokko mana yeroo dheeraa turuuf ijaaraman keessa jiraatu. Kaan immoo mana yeroof ta'ee fi yeroo dheeraa hin turre keessa jiraatu.
Kitaabni kun waa'ee mana yeroof manyatta jedhamu kan godoo aadaa irraa ijaarameedha.
Manyattaan kun kaaba-giddugaleessa Keeniyaa, Kaawuntii Samburu keessatti argama. Walumaagalatti godoowwan kudhan jiru.
Obboleettonni Siidaayiifi Naeku godoo tokko, warri isaanii fi obboleessi daaʼimaa immoo godoo tokko qooddatu.
Abbeeraan isaanii fi obbolaan isaanii angafaa sadi maatii isaanii wajjin godoowwan kaan keessa jiraatu.
Maatiin loowwan isaanii waliin tiksuun wal gargaaru. Bakka tokkotti yeroo dheeraa hin turan. Bakka dheedichaa haaraa loonii barbaaduuf socho'u.
Naannoo manyatta dallaan damee qoree qabutu jira. Dallaan kun loon keessa kan turu yoo ta'u, namni hin beekne akka hin seenne taasisa.
"Adeemsa ijaarsaa meeshaalee naannoo keenya irraa walitti qabuun jalqabna. Caasaa bu'uuraa godoo kanaa ijaaruuf damee mukaa walitti qabnee jirra," jette Sidaayi.
Naekun itti dabaluudhaan, "Meeshaalee uumamaa fayyadamuun mana keenya uumuu akka dandeenyu ni beekna. Manyatta keessa namni hundi ijaarsa irratti gargaaru."
"Dallaadhaaf Caasaa cimaa hojjechuuf damee gurguddaa fayyadamna. Fureemii qooxii Caasaa dallaa irratti namoota ol ba'an waliin hiinee, godoo guutuuf caasaa jabaa ta'e hojjenna," jechuun ibsite Sidai.
Naekun itti deabaluun, "Godoowwan kun foddaan isaanii gadi aanaa waan ta'eef qilleensi akka isaan afuufu rakkisaadha," jette.
Sidaayi itti fuftee, "Erga caasaan godoo sanaa dhaabbatee booda, damee furdaa ta'e gidduutti damee haphii hodhanna."
Naekun itti dabaluudhaan, "Marga furdaa uumnee caasaa foddaa irratti hiine. Kunis thatching jedhama."
"Manni citaa gaariin roobaafi aduu irraa nu eega," jechuun Siidaayi itti dabaltle.
Siidaayin itti dabaluudhaan, "Foddaan godoo keenyaa diriiraa ykn geengoo ta'uu danda'a."
Naekun akkas jette, "Maariguun (Plastering) kutaa ijaarsaa ani baay'ee jaalladhudha. Dhoqqee (mud) fi suphee (dung) walitti makuun maarigaa uumamaa hojjenna. maarigaa kana caasaa dallaa keessatti kuusnee, bakka jiru guunna. Kun qilleensii fi cirreechi akka hin seenne gargaara."
Sidain itti fuftee, "maariguun dallaa keessatti kuufachuun dallaan sun erga goge booda isaan cufa. Fuula dallaa irrattis maarigaa ni goona. maarigaa goge jabaa fi cimaadha."
Naekun itti dabaluudhaan, "Dallaa keessa foddaan hin jiru, garuu godoon keenya balbala mukaa qaba."
"Dallaa maarigaa godoo sana qabbanaa'aa taasisa," jette Sidaayi. "'Qabbanaa'aa' jechuun maal jechuudha?" jettee gaafatte Naekun.
"Supheenii if dhoqqeen akka keessi godoo qabbanaa'u gargaara. Yeroo qilleensa qabbanaawaa ta'etti dallaan ho'a ibiddaa qabachuun keessa keenyatti akka nu ho'u gargaara," jechuun deebiste obboleettiin ishee.
"Manyatta keessa namni hundi ijaaruuf gargaara, hundi keenya yeroo sochoonu godoo addaan baasuuf gargaarra."
"Caasaa addaan baasuun kutaalee sana bakka haaraatti deebi'anii fayyadamuun rakkisaa miti," jechuun Sidaayi ibsite.
"Meeshaan ijaarsaa keenya salphaa waan ta'eef geejjibsiisuun salphaadha. Manyatta keenya durii keessaa meeshaalee faayidaa qaban kamiyyuu baachuuf gaala ykn harree fayyadamna. Fakkeenyaaf, ajjeerraa citaa qooxii," jette Sidaayi.
"Iddoo haaraa kana keessattis meeshaalee ijaarsaa dabalataa naannoo irraa walitti qabuu dandeenya," jechuun dabalte Naekun.
"Manni keenya akkaataa itti jiraannuuf kan mijatu yoo ta'u, kunis hoomaa keenya waliin socho'uudha," jette Sidaayin.
"Naanna'anii socho'uun yeroo hunda hiriyyoota keenya waliin mana barumsaa deemuu hin dandeenyu jechuudha," jette Naekun.
"Mana barumsaa keenya kitaabota akka liqeessinu nu dandeessisa, hojii mana barumsaa hordofuuf yaalla," jechuun dabalte Sidaayin.

