Mana hantuutaa
Michele Fry
Amy Uzzell

Hantuutni mana haaraa barbaadaa jirti.

1

Manni kun gaarii fakkaata.

2

"Ati dhuftee na waliin ciisuu dandeessa," jedhen sareen tokko. "Galatoomi" jetten hantuutni.

3

Halkan sana hantuutni wanti itti hin tolle abjuu isheetti dhufen jeeqamte.

4

''Ati dhuftee na waliin ciisuu dandeessa,'' jedhe allaattiin. "Galatoomi" jette hantuutni.

5

Halkan sana hantuutni abjuu sagalee guddaa fi sodaachisaa tokko argite.

6

"Ati dhuftee na waliin ciisuu dandeessa," jedhe qurxummin. "Galatoomi" jette hantuutni.

7

Abjuun hantuutaa halkan sanaa qabbanaa'aa fi jiidhaa ture.

8

Hantuutni bakka hoo'aa fi goggogaa barbaadde.

9

10

Sana booda iddoo kitaabni irra taa'u argatte.

11

Halkan sana hantuutni abjuu hoo'aa fi namatti tolu argite. Hirriba gaarii, hantuuta!

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Mana hantuutaa
Author - Michele Fry
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Amy Uzzell
Language - Afaan Oromo
Level - First paragraphs