Akkam! Kubbaa miillaa
Stella Kihweo
Onesmus Kakungi

Hiriyaa koo Chumaa waliin taphachuun jaaladha.

1

Nuti hiriyoota gaarii dha.

Yeroo bakka tokkotti ergamnu waliin deemna.

2

Gaaf tokko, akkoon koo soogiddaafi zayiita nyaata bilcheessuuf akkan bituu gara suuqii na ergite.

Chuma waliin deemne.

3

Karaa irratti hiriyoonni keenya kubbaa miilaa yeroo taphatan argine.

4

"Akkam! "Kubbaa miilaa!" jedheen.

Anillee taphachuun barbaade.

5

"Isaan waliin taphachuu dandeenyaa jennee haa gaafannu," jedhe Chuman. Kubbaa miilaa taphachuu nan jaalladha" jedheen.

6

"Duraan dursee gara suuqii haa deemnu, sana booda dhufnee taphachuu dandeenya," jedhee deebiseef Chuman.

7

Ani garuu "Eegaa dursee haa taphannu! Akkoo koo akka deebinu nuuf hin eeyyamtu," jedheen.

8

Hiriyyoota keenya waliin taphachuuf deemne. Ani goolii eegduun ta'e.

Gooliiwwan dhagaa gurguddaa lama irraa kan ijaa raman turani.

9

Kubbaa qabachuuf yaaleen ture.

Hiriyoonni koo goolii tokkollee galchuu hin dandeenye.

10

Hanga dirree cirrachaan guutamutti taphanne.

11

Sana booda gara suuqii deemne. Maallaqni akkoo kootii badee jira! Boo'uun jalqabe.

Chumaan "Boo'uu dhiisi, dursitee taphachuu barbaadde!" jedhee natti iyye.

12

Soogidda yookiin zayiita nyaataa osoo hin qabne gara mana keenyaatti deebine.

Baay'ee xurooifnee if yaaddoofnee turre.

13

Yeroo mana geenyu akkoon koo aarte.

Gaaffiin jalqabaa isheen nu gaafatte, "Yeroo kana hunda eessa turtan?" kan jedhu ture.

14

Dhugaa dubbachuu qabna turre.

"Eeyyama malee gonkomaa taphachuuf deemuu hin qabdan," jechuun nu akeekkachiifte.

15

Daakiyyeen nyaachisuuf deemne.

Booda of qulqulleessine.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Akkam! Kubbaa miillaa
Author - Stella Kihweo
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Onesmus Kakungi
Language - Afaan Oromo
Level - First sentences