Ann AI waliin gaaffii fi deebii gooti
Nina Orange
Kenneth Boyowa Okitikpi

"Akkam jirtu, baga nagaan dhufte agarsiisa har'aa, ani keessummeessituu keessan Ann Asante! Baga nagaan dhuftan daawwattoota keenya mana keessa jiranii fi asitti daawwattoota istuudiyoo keenyaa."

Har'a keessummaa namni hundi gaaffii fi deebii gochuu barbaadu qaba. Har'a gaaffii fi deebii gochuuf baay'een gammada, Artificial Intelligence!

Akkam jirtu, AI. Har'a istuudiyoo keessatti nu waliin haasa'uuf waan dhuftaniif galatoomaa," jetti Ann.

1

"Ani gaaffii fi deebii waan naaf gooteef galatoomi, Ann. Sagalee kootti fayyadamee dhaggeeffattoota istuudiyootiif akkan dubbadhu, akkasumas deebii koo iskiriinii kana irratti akkan agarsiisu barbaaddaa?" jedhee gaafata AI.

"Galatoomaa, eeyyee, dandeettii barreessuu fi dubbachuu kee lamaan fayyadamuun ni gargaara, AI," jechuun deebisti Ann.

Itti dabaluudhaanis, "Daawwattoonni istuudiyoo, AI'f harka rukutuu marsaa, maaloo."

2

"Mee kallattiin gara gaaffii guddaatti haa seenu. Sirriitti, maali ykn eenyutu sammuu namtolchee (AI)?" jette Ann.

Itti fuftees, "A.I. bifa gabaabaa 'artificial intelligence' akka ta'e nan beeka, akkasumas damee saayinsii kompiitaraa ta'uu isaa. Garuu dhuguma eenyu akka tate AI? Waa'ee kee caalaatti baruu barbaanna."

3

"Ani ChatGPT, jalqaba afaan sammuu namtolcheeti. kan uumame warra sooftiweer kompiitaraa chaniin," jechuun deebii kenne Chat.

Ann burjaaja'ee, "Kun hundi maal jechuudha?"

"Ani gosa AI injinaroonni kompiitaraa nama waliin walqunnamuuf hojjetanidha jechuudha. Gosoonni AI adda addaa waan adda addaa hojjetu. Hundi keenya akkasitti wal hin qunnamnu," jechuun dabale Chat.

4

"Walqunnamu akka dandeessan nan beeka, garuu maal goota?" jette Ann.

"Kaayyoon koo namoota gargaaruudha. Sagantaa afaanii walxaxaa irratti hundaa'a. Sagantaan koo gaaffii fi dhimmoota bal'aa hubachuu fi deebii kennuu danda'a," jechuun deebise Chaat.

"Kanaaf, ati sagantaa afaan sammuu namtolcheeti, namootas gargaarta," jetti Ann.

5

"Sagantaa akkasii cimaa taate, kana caalaa hojjechuu dandeessu jiraachuu qaba?" jette Ann.

"Eeyyee, ani maashinii ta'us, wantoota namoonni hojjechuu danda'an hedduu hojjechuu nan danda'a. Fakkeenyaaf, barachuu nan danda'a. Odeeffannoo ilaaluu fi paateenoota irraa barachuu nan danda'a. Wantoota adda addaa, fuula adda addaa, fi barreeffama harkaa adda addaallee."

6

Chaat itti fufee, "Odeeffannoo namoonni uuman hedduu baradheera. Fakkeenyaaf, kitaabota, barreeffamoota, artikiliiwwan fi miidiyaa hawaasaa hedduu dubbiseera."

Annin gaafatte, "Wanti ati beektu hundi odeeffannoo namoonni barreessanii oomishaniidha?"

Chaat akkas jedhee deebise, "Eeyyee, odeeffannoo ykn daataa baay'ee namootaan uumaman fayyadamuun leenji'e fi baradhe."

7

"Gaaffilee gosa hedduu nama caalaa saffisaan deebisuu nan danda'a. Rakkoolee baayyee rakkisoo ta'an kan ilmaan namaa furuuf yeroo dheeraa fudhatu furuu nan danda'a. Nama tokko caalaa beekumsa nan qaba."

"Odeeffannoon baradhe fayyadamee murtoo gochuu nan danda'a. Waa'ee kee waanan beeku irratti hundaa'uun, filannoo akka gootu si gargaaruu nan danda'a."

8

Ann dhaggeeffattoota akkas jettee gaafatti, "Kompiitarri waan nuti beeknu hunda akka beeku barbaanna?"

Sana booda Chaat gaafatti, "Akkaataa kompiitarri waa'ee namootaa itti baratu caalaatti natti himi?"

Chat deebii kenna. "Kompiitarri meeshaalee addaa odeeffannoo walitti qabuuf na gargaaran qaba. Garuu irra caalaa, odeeffannoo barreeffamaa irraan baradha. Odeeffannoo gosa ilmaan namootaa oomishu hunda irraan baradha."

9

Chaat itti fufee, "Afaan barreeffamaa fi barreeffame dubbisuu nan danda'a. Hanga ammaatti Afaan Ingiliizii afaan ijoo odeeffannoo argachuuf itti fayyadamedha. Garuu, dandeettii afaan kamiyyuu barachuu danda'un qaba."

Ann addaan kutee, "Odeeffannoo hedduu akka beektu naaf gala. Miira hoo? Sammuu namtolchee ta'uu keetif maaltu sitti dhaga'ama?"

10

"Ani sagantaa kompiitaraa walxaxaa ta'us miira dhuunfaa hin qabu."

Ani meeshaa kompiitaraat, sagantaa kompiitaraatiin kan hojjetame hojii fi sochiiwwan bashannansiisaa irratti namoota gargaaruuf. Yaada fi miira tokkollee hin qabu.

Namootaaf gochaalee hojjechuu nan danda'a, kan akka gaaffii deebisuu, seenaa barreessuu, afaanota tokko tokko hiikuu fi odeeffannoo gabaabsee ibsuudha."

11

"AI mataa isaa irraa dhageessaniirtu! Meeshaa faayidaa qabuudha, namootaan namootaaf kan uumamedha. Meeshaa humna guddaa qabu kana ogummaa fi itti gaafatamummaadhaan itti fayyadamuunis kan keenya!

Har'aaf yeroon qabnu kana qofa, gaaffii dabalataa hedduu akka qabdan mirkanaa'aa ta'us. Ani Ann Asante dha, agarsiisa koo waan ilaalteef galatoomi!"

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Ann AI waliin gaaffii fi deebii gooti
Author - Nina Orange
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Kenneth Boyowa Okitikpi
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud