Dubartii abshaala
ሰሚራ መሓመድብርሃን
Adonay Gebru

Yeroo durii hiriyoota lamatu turan. Tokko abshaala yemmuu ta'u, inni kaan immoo gowwaa ture.

Haati manaa nama gowwaa sanaa abshaala turte. Haati manaa nama abshaalaa immoo gowwaa turte.

1

Abbootiin warraa yeroo waliin haasa'aa jiran namicha abshaalli sun "Haati manaa kee abshaala. Ati garuu gowwaa dha. Haati manaa koo gowwaa dha. Kanaafuu haati manaa koo caalaatti siif mijachuu hin ooltu," jedheen.

2

Namichi gowwaan sun, "Anaa fi si keessaa eenyutu gowwaa?" jedhee gaafate. Achiinis, "Ani akkuma kee abshaala" jedhe.

"Erga kana ta`e, gara abbaa murtii deemnee gaaffii gaafanna" jedhee inni abshaalli deebiseefi. Gara abbaa seeraa deemuuf walii galan.

3

Abbaa seeraa duratti yeroo dhiyaatan,namichi abshaalli "Urjiilee meeqatu samii keessa jiru? Giddu-galli addunyaa eessa jira? Gaaffiiwwan lamaan kanneen deebisi, yookaan haadholii manaa keenya wal jijjiirra," jedhe.

Abbaan seerichaa namicha gowwaa sanaaf deebii isaa akka qopheessu yeroo kennef.

4

Galgala tokko namchi gowwaan kun quuxii mana isaa irra taa'ee urjii lakkaa'aa ture.

Haati manaa isaa "Maal gochaa jirta?" jettee isa gaafatte.

5

Innis "Hiriyaan koo samii keessa urjiin meeqa akka ta'anii fi
gidduun addunyaa eessa akka ta'an na gaafate. Amma urjiilee lakkaa'aan jira" jedhee deebiseef.

6

haati warraa isaa, "Hin yaaddin deebii isaa sittin hima" jetten. Abbaa manaa isheetiif xaafii qanqalloo tokko kenniteef. "Urjiileen meeqatu samii keessa jiru yoo si gaafatan, hamma xaafii qanqalloo keessa jiru akka ta'an itti himaa," jetten.

7

Ergasii eeboo tokoo kennitee, "Wiirtuun addunyaa eessa akka jiru yoo si gaafatan, eeboo sana lafatti dhaabitii kuni wiirtuu addunyaati jedhii itti himi. Yoo walii hin galle ta'e safaranii bira akka gahan itti himi."

8

namichi Gowwaan gorsa haadha manaa isaa fudhatee bakka beellamaa gahe.

Jalqaba, "Lakkoofsi urjiilee lakkoofsa xaafii qanqalloo kana keessa jiruun walqixa" jedhee deebiseef.
Achiinis, eebicha lafati dhaabitii "Kun wiirtuu addunyaati" jedhe.

9

Abbaan seerichaa ajaa'ibsiifatee "Eenyutu akkas siin jedhe?" Jedhen. "Haadha manaa kooti," jedhee deebiseef namichi gowwaan sun.

Abbaan seericha itti fufee, "Haati manaa kee baayyee abshaala. Kanaaf, dhiira qaroo heruumuu qabdi. Haadha manaa kee jijjiiri" jedheen. Achiinis abbaan murtii haadholee manaa isaanii akka wal jijjiiran beellama kenneef.

10

Namichi gowwaan sun "Falmicha moodheen jira garuu abbaan murticha ati abshaala kanaafuu, ati haadha manaa koo ta'uu hin qabdu," jedheen.

"Hin yaadda'in, sanaaf furmaata gaariin qaba" jette haati warraa isaa.

11

Yeroo abbaan seeraa haadholee manaa wal jijjiirsisu gahee jira. Haati manaa abshaalaa masoobiidhaan abbaa murtiif nyaata dhiheessite. Abbaan seeraa masoobii sana yemmuu banu, lukkuu rifeensa ishee waliin bilcheefamte argate. Innis rifatee, sagalee isaa ol kaasee, "Yaa! Ishee argee jira, dubartiin tun abbaa manaa ishee gowwaa wajjin haa jiraattu!" Jedhee murteesse.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Dubartii abshaala
Author - ሰሚራ መሓመድብርሃን, ኣብርሃ ተኣምራት
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration - Adonay Gebru
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs