Nama bishaan keessa jiru akkamitti gargaarra
Sea Rescue and Sean Verster

Yoo namni bishaan keessa jiraate, ulee fayyadamuun harkisuun nama sana baraaruun ni danda`ma

Nama baraaruuf yaaluuf gonkumaa bishaan keessa hin seenin.

Yoo bishaan keessa galte, bishaan keessa lixuus dandeessa.

1

Namni gargaarsa barbaadu sirraa fagaatee uleedhaan qaqqabuuf yoo hin dadeenye ta'e, waan bololi'u darbachuu dandeessa.

Waan qabatanii bishaan gubbaa turuuf itti fayyadaman darbdhaa. kubbaa miilaa ykn meeshaa pilaastikii duwwaa abbaa liitira shanii darbachuufii dandeessa.

2

Nama tokko bishaan irraa baraaramuu yoo barbaade, nama lubbuu baraaru ykn nama guddaa gargaarsa gaafadhu. Ofii keetii nama baraaruuf gonkumaa bishaan keessa hin seenin.

Akkasumas, lakkoofsa balaa tasaa biyyaalessaa bilisaa, bilbila harkaa ykn bilbila manaa irraa bilbiluu dandeessu.

3

Namni tokko bishaan keessaa baraaramee yoo afuura baafachuu dadhabe ambulaansidhaaf bilbiluun gargaarsa gaafadhu.

Sana booda giddugala laphee isaanii jabeessitee fi saffisaan dhiibuudhaan deeggaruun jalqabuu dandeessa. Kana hiriyyaa irratti hin shaakalin!

Dhaabbata Baraarsa Galaanaa Biyyaalessaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuu dandeessu.

4
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Nama bishaan keessa jiru akkamitti gargaarra
Author - Sea Rescue and Sean Verster
Translation - Tesfamichael Hailu
Illustration -
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud