

Yeroo haati Simbegwire duute baay'ee gaddite. Abbaan ishee intala kunuunsuuf waan danda'u hunda godheera. Suuta suutaan, haadha Simbegwire malee, deebi'anii gammachuu itti dhaga'amuu baratan.
Ganama ganama yeroo hunda taa'anii waa'ee guyyaa fuuldura isaanii jiru haasa'aa turan. Galgala galgala irbaata waliin qopheessan. Erga mi'a dhiqanii booda abbaan Simbegwire hojii manaa ishee gargaare.
Gaaf tokko abbaan yeroo barameen ala turee gara manaatti deebi'e. "Eessa jirta mucaa koo?" jedhee wame.
Simbegwire gara abbaa ishee fiigde, garuu harka dubartii tokka qabatee akka jiru yeroo argitu dhaabde.
"Nama addaa akka wal argitu barbaada mucaa koo. isheenis Aniitaa jedhamtii" jedhe kolfaa.
"Akkam jirta Simbegwire, abbaan kee waa'ee kee waan baay'ee natti hime" jette Aniitaan. Garuu isheen hin kolfinne, harka intalattiis hin fudhanne.
Abbaan gammachuu fi hawwii guddaa qaba ture. Waa'ee sadan isaanii waliin jiraachuu, fi jireenyi isaanii hammam gaarii akka ta'u dubbate. "Mucaa koo, Aniitaa akka haadha keetti akka fudhattu abdiin qaba" jedhe.
Jireenyi Simbegwire jijjiirame. Kana booda ganama abbaa ishee waliin taa'uuf yeroo hin qabdu turte. Aniitaan hojii mana keessaa baayʼee akka hojjettu kenniteef. Hojii mana barumsaa ishee galgala hojjechuuf baayʼee dadhabdi. Irbaata nyaattee booda kallattiin gara siree ishee deemti.
Jajjabinni isheen qabdu uffata qorraa halkanii halluu adda addaa qabu haati ishee isheef kennite qofa ture. Abbaan Simbegwire gammachuu akka hin qabne waan hubate hin fakkaatu.
Ji'oota muraasa booda abbaan yeroo muraasaaf manaa akka fagaatu itti hime. "Hojii kootiif imaluun qaba" jedhe. "Garuu akka wal ilaaltan nan beeka."
Fuulli Simbegwire irratti bade, garuu abbaan ishee hin hubanne. Aniitaan homaa hin dubbanne. Isheenis gammachuu hin qabdu turte.
Simbegwire'f wantoonni itti hammaatan. Yoo hojii manaa ishee hin xumurre, ykn yoo komatte, Aniitaan ishee rukutti. Irbaata irrattis dubartittiin nyaata irra caalaan nyaattee, Simbegwiref nyaata muraasa qofa dhiisti.
Halkan hunda Simbegwire uffata qorraa halkanii haadha ishee hammattee boo'aa rafti.
Gaaf tokko ganama Simbegwire siree irraa ka'uuf harkifate. "Yaa intala dadhaboo!" jettee Aniitaan itti iyyitte. Simbegwire siree irraa harkifte.
uffata qorraa halkanii gatii guddaa qabu sun mismaaran qabamee,baka lamatti cite.
Simbegwiren baay'ee gadite. Manaa baqachuuf murteessite.
Uffata halkanii ciccitaa haadha ishee fudhattee nyaata tokko tokko qabattee manaa baate. Karaa abbaan ishee irra deeme hordofte.
Yeroo galgalaa muka dheeraa naannoo sulula tokkootti ol baatee dameewwan keessaa siree ofiif tolfatte. Yeroo raftu akkas jettee sirbite:
Maama, maama, na dhiistee deemte.
Na dhiistee deebitee hin dhufne.
Abbaan kana booda na hin jaalatu.
Harmee yoom deebita? Na dhiistee deemte.
Borumtaa isaa ganama Simbegwiren ammas sirba kana sirbe. Dubartoonni sulula sanatti uffata isaanii miiccuuf yeroo dhufan sirba gaddisiisaa muka dheeraa sanarraa dhufu dhaga'an.
Qilleensi baala rukutuu qofa itti fakkaatee, hojii isaanii itti fufan. Dubartoota keessaa takka garuu sirba sana baay'ee of eeggannoodhaan dhaggeeffatte.
Dubartiin tun ol jettee muka keessa ilaalte. Intalattii fi ciccitaa uffata qorraa halkanii halluu adda addaa qabu yeroo argitu, "Simbegwire, mucaa obboleessa koo!"
Dubartoonni kaanis huccuu miiccuu dhiisanii Simbegwire muka irraa akka gadi bu'u gargaaran. Adaadaan ishee intala xiqqoo sana hammattee jajjabeessuuf yaalte.
Adaadaan Simbegwire daa'ima kana gara mana ofiitti geesse. Simbegwiref nyaata ho'aa kennitee, uffata qorraa halkanii haadha ishee waliin siree irra rafiste.
Halkan sana Simbegwiren yeroo raftu boosse. Garuu imimmaan boqonnaa ture. Adaadaan ishee akka ishee kunuunsitu beekte jirti.
Abbaan Simbegwire gara manaatti yeroo deebi'u kutaan ishee duwwaa ta'ee arge. "Maaltu dhalate Aniitaa?" jedhee rifaatudhan gaafate.
Dubartiinis Simbegwire akka baqate ibsite. "Akka na kabajju barbaadeen ture" jette. "Garuu tarii garmaleen itti cimen ture."
Abbaanis manaa bahee kallattii sululaatiin deeme. Simbegwir argu ishee baruuf gara ganda obboleettii isaatti qajeele.
Simbegwiren ijollee adaadaa ishee waliin taphachaa osoo jirtuu, abbaa ishee fagoo irraa argite. Inni aaruu mala jettee waan sodaatteef dhokachuuf gera mana gelte.
Abbaan ishee garuu gara ishee dhaqee "Simbegwire, haadha muudaa hin qabne ofii keetii argatte. Kan si jaallatuu fi si hubattu. Siin boona si jaalladha" jedheen.
Simbegwiren hanga barbaaddetti adaadaa ishee bira akka turtu walii galan.
Abbaan ishee guyyaa guyyaan ishee daawwataa ture. Dhuma irrattis Aniitaa wajjin dhufan.
Anitaan Simburgweri nagaa gaafachuuf harka ishee diriirsitee. " dhiifama guddaa Simbegwire, dogoggoreen ture" jettee boosse. "Irra deebi'ee akkan yaalu naaf hayyamtaa?"
Simbegwire abbaa ishee fi fuula isaa isa yaaddoo keessa jiru ilaalte. Achiis suuta jettee gara fuulduraatti tarkaanfattee Aniitaa hammatte.
Torban itti aanutti, Aniitaan Simbegwire, ijollee adaadaa fi adaadaa ishee waliin, nyaata nyaachuuf gara manaatti afeerte. Nyata Simbegwire jaallatu hunda kan qopheessite yamuu taʼu, namoonni hundinuu hamma quufanitti nyaatan.
Namoonni gurguddon yemuu hansan ijolleen tabachuu jalqaban. Simbegwire gammachuu fi ijji jabina itti dhaga'ame. Baay'ee yeroo dhiyootti, gara manaatti deebitee abbaa ishee fi haadha warraa abbaa ishee wajjin akka jiraattu murteessite.

