Abeeliif Ashaangulliitii Obboleettii isaa
Eyobi Kitaw
Jesse Breytenbach

Mucaa maqaan isaa Abeel jedhamutu ture. Konkolaataa ashaangulliitii harkaan bocee hojjetatee qaba ture. Gaarii isaa kanaaf konkolaachisaa hin qabu ture.

Sababa kanaafis obboleettii isaa Meeriin akkana jedhe, "Gaarii kiyya kanaaf konkolaachisaan na barbaachisa. Ashaangulliitii kee naaf laadhu maalo akkan gaarii kiyya keessatti akka konkolaachistuutti."

1

Ta'us garuu Meeriin nii didde, "Lakki hin ta'u ashaangulliitiin kiyya na barbaachisa." Yoos kana Abeel baayyee waan Meeriitti aareef ashaangulliitii ishee harka tokko qabuun harkisuu eegale.

Meeriinis harka ashaangulliitichaa kan biraa qabuun harkisuu eegalte. Abeelis Meeriinis lamaanuu isaanii ashaanguliiticha harka tokko tokko qabanii harkis.

2

Meeriinis boo'aa gara haadha ishee deemuun. "Ilaali harme," jechuun eegalte. Itti fufuunis, "Abeel harka ashaangulliitii kiyya harkisuun ittii na jalaa kutee jira. Inni gaarii isaa keessa akka isheen akka konkolaachisaatti teessuudha kan inni barbaadee ture ta'us garuu ani immoo ishee waliini kan ani taphachuu barbaadee ture."

Haati ishees akkas jechuun deebiisteef, "Abeel waan gaarii hin hojjenne."

3

Haati isaaniis akka Abeel lammaffa ashaangulliitii obbooleettii isaa jala hin tuqneef akkamitti akka barsiisuunii qabdu yaaduu eegalte. Yaadni gaariinis dhufeef.

Isheenis gara hiriyaa ishee kan doctor taate bira deemuun, "Akka na gargaartun barbaada," jechuun gaafatte. Doktooris, "Maal akkan si gargaaru barbaadda hiriyaa koo?" jechuun deebisteef.

4

Haatiis akkana jechuun dubbatte, "Gidduu kana Abeel amala badeera. Harka ashaangulliitii obboleettii isaa jalaa kute jira. Kana gochuu hin qabu ture.

Maalumaafuu, bori akka inni ashaangulliitiicha harka ishee hojjisiisuuf gara kee fidu nan godha."

5

"Yoo dhufu qarshii akka siif kaffaluuf gaafadhu. Qarshii siif kaffalu of harkaa waan hin qabneef konkolaataa kee guddicha yeroo hunda qulqullina hin qabne sana akka inni siif qulqulleessu itti himta."

Yoos kana hiriyaan ishee (doktoor) kolfaa, "Ee-ee kun yaada gaariidha." jechuun deebisteef.

6

Haati Abeelis gara mana isheetti deebite galte. Abeeliinis akkana jettee gaafatte, "Yoo dhukkubsattu yookiin balaan sirra ga'u yaalii argachuuf eessa deemuu qabda?" Abeelis deebisuun, "Yeroon dhukkubsadhu yookiin balaan ana irra ga'u doktoora bira deemuun ilaalamuun qaba."

Haati Abeelis, "Ashaangulliitii obboleettii keeti irraan balaa geessee waan jirtuuf amma gara doktooraatti geessu/geessee ilaalchisuu qabda."

7

Abeelis ashaanguliiticha gara doktoraatti geessuun akkana jedhee gaafate. "Ashaangulliitiin kun baayyee miidhamtee jirti. Akka ani asi fiduun yaalii argachuu qabu haati kiyya natti himteeti kan ani fidee dhufe. Doktoor, harka biraa jijjiirtee itti naaf hojjechuu/uumuu nii dandeessaa?"

Doktoorittiinis tole jechuun ashaangulliiticha yaaluu eegalte. Harka haaraas uumtee itti keesse.

8

Doktoris Abeeliin, "Kunoo ashaanulliitiin kee harki haaraan itti siif hojjetame. Kanaaf immoo naaf kaffaluu qabda. Amma qarshii meeqa kan of-harkaa qabdu?"

Abeelis deebisuun, "Doktoora kiyya, ani qarshii homaa tokko iyyuu of harkaa hin qabu. Dadhabbii hojii keetiifis waanan kaffalu tasumaa hin qabu" jechuun deebiseef."

9

Doktooris deebisuun, "Qarshii naaf kaffaltu of harkaa hin qadbu mitii? Tole egaa akkas taanaan konkolaataan koo guddichi baayyee na jalaa xuraawee waan jiruuf dhaqii isa naaf qulqulleessii.
Baasiin kees akkanaan kaffalama jechuudha."

Abeelis bishaan baaldii guutuu fi huccuu qulqulluu kan konkolaaticha ittiin dhiqu qabatee hojii isaa eegale. Konkolaataa xuraawaa sanas qulqulleessee xumuruuf yeroo dheeraa itti fudhate.

10

Sana boodas, abeel ashaangulliiticha fuudhee gara manaatti galuun obboleetti isaa Meeriif deebisee kenne. Isheenis ashaangulliitiin ishee harki isaa hojjetameefii yoo argitu gammaduun Abeeliin akkas jette, "Ati obboleessa gaariidha. Ashaangulliitii kiyya deebistee waan naaf suphisiifteef baayyee galatoomi."

Abeelis deebisuun, "Obboleettii kiyya, ofii kiyyaafis of aarsee si'iinis si gaddisiisuu kiyyaaf baayyeen gadda, dhiifama naaf godhi."

11

Guyyaa sana irraa eegaluun Abeel qodaa obboleettii isaa tasuma tuqee hin beeku. Isaan gidduuttis akka walitti bu'iinsi hin uumamneef of eeggannoo cimaa godha ture.

Abeelis konkoolaataa doktoor guddichaaf xuraawaa sana qulqulleessee xumuruuf yeroo dheera inni itti fudhate yoo yaadatu. Hojii akkanaa hojjechuu irra aarii fi qodaa cabsuu irraa of qusachuun hagam gaarii akka ta'e hubate.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Abeeliif Ashaangulliitii Obboleettii isaa
Author - Eyobi Kitaw
Translation - Amanuel Teklu
Illustration - Jesse Breytenbach
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud