

Taarik barataa kutaa 4ti Manni barumsaa isaas goodina shawaa kaabaa magaalaa Menzi jedhamtutti argama.
Taarik saree maqaan Buchii jedhamtu qaba ture. Bakka Buchiin jiru hunda Taarik jira.
Haati isaa yeroo nyaata kennituufis Taarik saree isaaf qooduun waliin nyaata ture.
Taarikii fi Baddiluun daree tokkotti baratu. Gaafa mana barumsaa deebi'an waliin tika horii deemu turan.
Guyyaa sanbata duraa tokko, lamaan isaanii hoolota isaanii oofaa iddoo yeroo hunda geessanii itti tiksan fuudhanii deemaa turan.
Qormaataaf qayyabachuuf jedhanii kitaabas fuudhanii deemanii turan.
"Sammuu keenya xiqqoo boqochiisuuf mee daqiiqaa muraasaaf kisaaraa haa taphannu," jedhe Baddiluun.
Yoos kana, "Lakki tapha dhiifnee qayyabannaa haa eegallu," jechuun deebise Taarik.
"Tole nii qayyabanna, garuu dura xiqqoo haa taphannu maaloo!" jedhe kadhate Baddiluun. Booda irra lamaanuu isaanii tapha kisaaraa taphachuu eegalan.
(Kisaaraa jechuun tapha taphattootni wal duraa duubaan taraa eeggachuun dhagaa xiqqoo yookiin saantima naannoo meetira tokkoo irraa fagaachuun gara boollatti darbatan jechuudha.)
Osoo itti hin beekamin tapha kisaaraa sana naannoo saatii lamaaf taphatan.
Ol jedhanii yoo ilaalan, hoolotni isaanii tokko illee hin mul'attu. Yoos kana hoolota isaanii barbaachuuf asiif achi fiiguu kan eegalan.
Fageenya irratti jeedala hoolota ari'u argan,
ammas yoo ilaalan jeedalichi akka inni hoolaa!
Taarik ajjeese argan. Yoo kana argu Taarik boo'uu eegale. Abbaan isaas akka inni adabbii guddaa irraan gahus beekkate.
Sababa kanaafis, yeroo Baddiluun hoolota isaa fuudhee gara manaa galu Taarik garuu gara manaa deemuu hin dandeenye. Halkan Sanas achuma mana isaanii biratti kan argamu muka guddaa irratti dabarsuuf murteesse.
Innis dame mukichaa kan lafatti gadi dhihoo jiru irra yoo ciisuu Buchiin immoo isa jala lafa ciise.
Halkan walakkaa keessa iyyi waraabessaa Taarikiin dammaqse.
Naasuu guddaa irraan kan ka'es Taarik mukaa irraa lafatti kufe.
Taarik sagalee bineensotaa nii dhaga'a ture. Ta'us garuu halkan sun baayyee dukkanaa'uu isaan kan ka'e homaa iyyuu arguu hin danda'u ture.
Sagaleen inni dhaga'u kun kan waraabessa ta'uu danda'a jedhee waan yaadeef soda guddaan dafquu eegale.
Akka tasaa yoo ifti bakakkaa lafa ibsu. Taarik waan naannoo isaatti ta'aa jiru arguu danda'e.
Sareen isaa Buchiinis waraabessoota hamoo lama isa miidhuuf dhufan irraa akka isa eegaa jirus arge.
Hiriyaa gaarii akkanaa! Buchiin Taarikiin hamaa irraa oolche. Gurbaanis Buchii waliin muka irraa kufee ture sana deebisee kore.
Halkan sana Buchii waliin dabarsanuun ganama barii gara manaa deemuu abbaa Taarikiin wal arguuf.

