Fardeen magaalaa Debre Birhaan
Mezemir Girma
Yirgalem Birhanu

Chaalew farda gaarii harkisuudha.

Karaa hin mijanne Debre Birhaan keessa jiru keessa ba'aa ulfaataa baachuun tajaajila.

Ganamaa hanga galgalaatti kan inni hojjetu.

1

Chaalew yeroo boqonnaa ga'aa hin argatu ture.

Nyaata ga'aas akkanuma.

Abbaan gaarii akka Chaalew dafee deemuuf hedduu rukutaan ture.

2

Guyyaa tokko, abbooliin gaarii (warri gaarii oofan) sirna awwaalchaaf walitti qabaman.

Fardeen ammo akka marga dheedaniif bajjii dhiyoo jiru irratti gad lakkifaman.

Yoos sana fardeen kun waa'ee haala suukanneessaa dabarsaa jiran kan waliin dubbachuu eegalan.

3

"Bixxaala kiyya sirriitti natti hin ta'u. Baayyee waan na qabuuf gogaa na mura," jedhe fardi tokko ka'ee.

"Kan kiyyas, kan kiyyas," jechuun fardeen biros wal harkaa fuudhan.

4

Fardi dulloomaan tokko akkas jedhe, "Ani amma lamshaa'eera sababni isaas immoo miilla kiyya irratti waan mismaara rukutaniif."

Jecha kanattis fardeewwan hedduun mataa raasuun irratti walii galan.

5

"Baay'ee cimnee hojjenna ta'us garuu abbooliin keenya akka gaariitti nu hin qabatan. Akkamiin akka kunuunsani nu qabatan illee hedduun isaanii hin beekan," jedhe Chaalew.

Hunduu fardeen jiran jecha Chaalew kanatti walii galan.

6

"Jireenya gaariitu nuuf mala. Kanaaf immoo duula hojii dhaabuu gochuu qabna!" jedhe chaalew. Fardeenis nii gammadan.

Fardeen kunis hanga abbooliin isaanii jijjiirama kana fudhatanitti, fudhatanii ammo hojii irra oolchanitti achuma dirree itti bobba'an irra turuuf murteessan.

7

Namootni sunis yoo kana dhaga'an waan godhan illee hin beekan turan.

"Ani farda biraa bitachuu nan danda'a," jedhe namni tokko of jajuun ka'ee.

Haa ta'u iyyuu malee namootni warri biroon jireenya isaaniif fardeen sun isaan barbaachisu turan.

8

Waa'ee adimaa hoji-dhaabiinsa fardeen godhan abbooliin fardeenii walitti dhufanii mari'achuuf wal gahii wal waaman. Baay'ee mari'atan baay'ees dudubbatan waliin falmaas hedduu turan.

"Fardeen kun sirrii ta'uu danda'an," jedhe namichi tokko ka'ee. "Maaliif haala jireenyaa mijata argatu?" jedhe namni inni biraan immoo itti fufuun.

9

Dubbiin adimaa hoji-dhaabiinsa fardeen Debre Birhaan kun irra darbuun guutuu Itiyoopiyaatti dhaga'ame.

Kana dhaga'uunis garri fardeen miliyoona sadii ta'an akka guutummaa biyyattiitti jechuudha hojii dhaaban.

"Baayyee obsineerra, garuu amma nu ga'eera! Sirriitti nu qabadhaa, akka gaariitti nu kunuunsaa!" jedhan.

10

Sababa kananis abbooliin farda gaarii harkisu qaban hundu jijjiiramuuf dirqaman.

Fardeen hundaafis haala jireenya gaarii akkasumas kunuunsa ga'aa kennuufiif walii galan.

Akkamiin akka fardeen kana qabachuu qabanis baran, fayyaa isaaniis eeguu danda'an.

11

Suuta suuta haalii jireenya fardeen kanaas jijjiirame.

Nyaata gaarii fi boqoqnnaa gaariis argachuu danda'an. Bixxaalli isaaniis haala gaariin itti ta'uu eegale. Miilla isaaniifis kophee gaarii argachuu eegalan.

Chaalewunis goota fardeen hundaa ta'e!

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Fardeen magaalaa Debre Birhaan
Author - Mezemir Girma
Translation - Amanuel Teklu
Illustration - Yirgalem Birhanu
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud