Bineensota Manaa Godaanan
Cissy Kiwanuka Luyiga
Magriet Brink

Jaartii korma handaqoofi cuucci qabdu tokkotu ture.

1

Mucaan mucaa ishee dubbisuf dhufe.

Isheenis handaqoo korma sana qaluufif murteesite.

2

Handaqoon sunis qabamu didee gara magaalatti fiige.

3

Osoo fiigu, adurre dullooma manaa baqatutti dhufe.

4

Adurrefi handaaqun kormaa sun osoo walin fiigani, sare mana baqatu argatan.

5

Osoo waliin fiigani, farda mana baqatutti dhufani waliin fiigu itti fufan.

6

Bineensonni kun osoo fiigani mana tokko argan.

Manicha keessatti hattoota argani.

7

Bineensonni kunis hattoota arii'uf jedhani wal-faana sagalee guddaadhan iyyan.

8

Isaa booda, nyaata manicha keessa jiru nyaatani.

9

Booda hattootni deebi'ani.

Bineensonnis walin ta'ani hattoota ari'ani.

10

Hattootin kunis baqatani achii badani.

11

Isa boodas, bineensonni kun manicha keessa gammachun walfaana jiratani.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Bineensota Manaa Godaanan
Author - Cissy Kiwanuka Luyiga
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Magriet Brink
Language - Afaan Oromo
Level - First sentences