

Bara durii, magazifi kasiran wajjin waan argatan nyaacha jiraachaa turan.
Magaziin, "Akka wajjiin nyaanu wajjiin maalif hin qootnu," jedhe.
Magaziin, "Ati qoti ani nan facaasa," jedhe kasiratiin.
Magaziin kasiiratiin, "Yommuu ati facaastu ani immoo nan arama," jedhe.
Kasiiraan yommuu midhaan gahuu akka Mageziin sassabu gaafate.
Magaziin garuu, "Ati sassabi ani gumbittin kuusa," jedhe.
Magaziin dadhaba dha.
Kanaafu Kasiraan miidhan harkaa qaba (haammara) tokko qofaa keenifi.
Magaziin miidhan sana fudhate osoo deemu handaaqotti dhufe.
Handaaqqoon sunis miidhan sana jalaa nyaate fixee hanqaaquu tokko keeniteef.
Magaziin osoo hanqaaqu sana fudhate deemu, ijoolletti dhufe.
Ijoollennis hanqaaqicha jalaa cabsan.
Bakka hanqaaquu, ijoollen magaziif maango kennaniif.
Magaziin Parootitti dhufe.
Parootin maango isaa jalaa nyaate baalli tokko kennef.
Lagni immoo baalli sana jalaa fudhate bishaan kennef.
Magaziin namicha kasala baasuf bishaanicha kennef.
Namichi kasala baasu sun immoo Magaziif qottoo kenneef.
Magaziin namoota foon gurguranitti dhufe.
Isaan immoo qottoo isaa cabsani.
Gaafafi eege Magaziif kennani.
Ilaalaa waan Magaziin keessa darbee!
Isa booda Magaziin, "Sangaan mooti keenya dhoqqee keessa lixe," jedhe iyye.
Namonnis isaa gargaruuf gadi bahani.
Magaziinis, "Eegefi gaafa isaa qabaa harkisaa," jedhe.
Namoonnis yommu harkisan gaafaf eege qoofa baasani.
Magaziinis namootan, "Horii keessan fida mootii keenyaf," jedhe.

