

Jeedalli beela'e waan nyaatu adamsaa ture.
Dhakaa guddaa jalaa hantuuta arge.
Osoo dhakaa jalaa hantuuta baasuf qotu, dhakaan irratti jige.
Illeetin yommuu jeedalli iyyee, ishee waamu dhagesse waan taha jiruu ilaaluf fiigde.
Jeedalli yoo illeetin isa gargaarte, irbaata akka keenufif itti hime.
Illeetinis gargaaruf waliigalte.
Illeetinis dhakicha duugda Jeedalaa irraa dhiibde kaaste.
Illeetin akka irbaata keenuf gaafatte.
Jeedalli garuu illeetti nyaachuf qabate.
Illeettifi jeedalli jaarsa murtii dhugaa kennufi argatan.
Jeedalli ammas jaarsa nyaachuf ka'e.
Jaarsichis, "Osoo murtoo hin kennin dura dhakicha na agarsiisa," jedhe.
Jeedalliifi illetinis dhakicha jaarsatti agarsiisuf waliin deemani.
Jeedaalli haala dhakicha irratti kufee agarsiise.
Jaarsichi haala illeettin irraa dhiibdee kaaste akka agarsistuf gaafate.
Illeetinis dhakicha dhiibde dugda jeedalaa irratti kufe.
Jaarsichis, "Amma murtaa'eera. Kootta gara manatti galla," jedhe.
Jaarsifi illeetiin waliin gara mana isaanitti deeman.
Jeedalli dhakaa jalatti hafe.

