

Bara durii, Gaangee bareedduu Wardit jedhamtuu jirti ture.
Fardi bareeda tokko, "Warditiin dirqama fuudhun qaba," jedhe.
Fardichis Warditin, "Koottu lagaa buuna," jedhe.
Achuman warditiin haadha mana isaa akka tatuuf gaafate. Isheenis tole jetteeni.
Fardichi, "Haatiif abba kee eenyudha?" jedhe warditin gaafate.
Warditis, "Haati koo mana mootii keessa jiraati."
"Hinbeektuni obboleetin koo mana waaqeffana keessa jiraati."
"Adaadan koo immoo mana namicha naanno keenya bulchu keessa jiraati," jetten.
Yommuu kana dubbatu, Harren duloomaa tokko darbaa ture. Harrichi abba Wardit ture.
Warditis abbaa ishee hinlalle nagaas hingaafane.
Abbaan ishee garuu, "Maalii nagaadha intala koo?" jedhee.
Fardichis, "Enyuudha harreen gadibadii kun?" jedhe Warditin gaafate.
Warditis, "Anoo isaa hin beeku," jette.
Fardichis harricha, abbaa Wardit, dhiite.
Harrichi baay'ee gadde osoo boo'u du'e.
Warditis waan abbaa ishee hin kabajneef, maseena taatee hafte.

