Qamalefi Naacha
Mulualem Daba
Abraham Muzee

Qamalefi Naachi galaanatti walargan.

1

Qamaleen, "Eessa jiraatta?" jetteen. Naachis, "Bishaan keessa," jedhee deebisef.

2

Naachis, "Atihoo eessaa jiraatta?" jedhe. Qamalenis, "Mukaa irra," jettee deebistef.

3

"Bishaan daakuu dandeessa?" Jedhe Naachi.

4

Qamalenis, "Lakkii hindandaa'u," jettee. Naachis, "Siinbarsiisa," jedhee.

5

Naachis, "Nuyi hiriyyaadha. Homaa tokko hinsodaatin," jedhee.

6

Walakkaa galaanichatti Naachi, "Eessumni koo dhukkubsatera. Fayyuuf onnee Qamale barbaada." Jedheeni.

7

Qamalenis baay'ee sodaatte. Naachi kun ishee nyaata laata?

8

Qamalenis Naacha jalaa miliquu barbaade.

9

Qamalefis yaadni haala ittiin Naacha jalaa miliquu dandeessuu tokkoo dhufeef.

10

Qamalenis, "Obbo Naacho, Ani onnee koo eessumaa keetif nan keenafi," jette.

11

"Garuu Onnee koo mukaa irraatti fannisen dhufee," jette Qamaleen.

12

Naachis, "Deemte naafida?" jedhee Qamaledhan gaafate. Qamalenis, "Eyyee," jetteeni.

13

Naachis Qamaledhan garaa duubatti daake deebise. Qamalenis fiigde mukaa irraa yaabde.

14

Naachis aare, "Sobduu! Ati hiriyyaa koo miti." Jedhee Qamaleedhan.

15

Qamalenis, "Eyyee, nuyi hiriyyaa miti. Ati nanyaachuuf turte." Jettee deebistefi.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Qamalefi Naacha
Author - Mulualem Daba
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Abraham Muzee
Language - Afaan Oromo
Level - First sentences