Qaxalefi Obboleewwan Isaa
Magabi Eynew Gessesse
Vusi Malindi

Bara durii abbaa manaa fi haadha manaa ijoollee torba qabanitu ture. Ijoolleen kunis qotiyyoo, lafa qonnaa fi qabeenya maati isaani hunda hachisiisani. Namni hundu lafa gabaatti isaan hata. Booda keessas ijoolleen kun ni hiyyooman.

1

Harmeen Ijoollee kanas akkas jettee waaqayyoon kadhate, "Maal Yaa waaqqayyoo maalif ijoollee gowwoota kana naaf kennite? Hadaraa yaa waaqayyoo mucaa abshaala ta'ee tokko naaf kenni."

2

Yeroo booda harmeen ijoollee gowwota kanaa mucaa dhiira tokko deesse. Mucaan dhalates baay'ee xiqqoo fi gabaabaa ture. Isheenis, maqaa isaa 'Qaxale' jettee moggaafteef.

3

Qaxaleen erga guddate booda illee gabaaba fi xiqqaa ture. Dinkii ture. Haa ta'uu malee baay'ee cimaa dha. Haati fi abbaan isaa baay'ee ni jaalatun. Obbolleewwan qaxalees itti inaafuu turan. Yeroo baay'ees, "Maalif maatiin keenya sittiin qofa baay'ee jallaatu? Mee of ilaalimee, ati hanga hantuutaa geessa!" jedhani isa gaafatu turan.

4

Maatin Dinkii ollaa baay'ee hamaa ta'ee tokko qabu. Namichi kun diina isaani ta'eera. Guyyaa tokko, obboleewwan Qaxalee, "Waan beelofneef, loowwan fufurdoo namicha hamaa ollaa keenyaa keessaa sangoota lama qalannee foon isaa immoo harree keenyatti feenee gara mana hin gallu," jedhani mari'atu. Yommuu akkas jedhaani mari'atan Qaxaleedhan hin agarre ture. Qaxaleen garuu duuba isaani ta'ee dhageefachaa ture.

5

Galgala sana, obboleewwan Qaxalee Harree isaanii dhoksani fudhatanii gara namicha hamaa ollaa isaanii deeman. Yommuu gara namicha deemanis, Qaxaleen duuba isaati fiigaa ture.

6

Yommuu mana namicha ga'an, Dallaan isaa cufaa dha. Isaanis gara keessatti seenu hin dandeenye. Isaan keessas tokko, "Osoo Qaxale fidnee dhufnee wayya ture. Inni cimaadha. Haala salphaan gara keessaa seenu danda'a ture," jedhe. Yommuu kana dubbatan, Qaxaleedhan hin agarre. Innis dhokatee ture.

7

Qaxalenis bakka dhokatee gadi bahee, "Ano asan jira. Mana hin jiru," jedheen. "Ani mala qaba. Isin asuma tura. Suuta jedhee gara keessatti seene dallaa banee sangoota gara keessanitti oofa." Jedhee obboleewwan isaatti hime. Obboleessi Qaxale inni sadaffaa, "Garuu akkamitti seenta? Dallaan hoo cufameera." Jedhee gaafateen.

8

Qaxalenis itti kolfee akkas jedheen, "Anaan kan seensisu karri galumsaa jira." Obboleewwan isaas yommuu dallicha ilaalaan, qaawwa xiqqoo tokko argan. Qawwichii Adurree malee nama hin seensisu. Haa ta'uu malee, Qaxalee seensisu ni danda'a ture.

9

Qaxaleen haala salphaa ta'een erga hulluuqee seene booda, karricharra ol koree obbollootaa isaaf karra bane. Isa boodas, sangoota gabbatan lama dallaa keessaa baasa, "Gadi Bahaa! Bahaa! Yaa Jibichoota gabbatoo nana," jedhee sagalee isaa olkaasaa oofu eegale.

10

Yommuu sanas, Maatiin abbaa horii namicha hamaa hundi isaanii rafanii turan. Garuu sareen isaani hin rafne. Yommuu kana sarichi dhagahee dutuu eegale. Namichi hamaas hirriba isaa irraa ka'ee, "Maalidhaa? Rakkinni jiramoo?" jedhe.

11

Yommuu namichi mana isaa keessaa bahu, Qaxaleenis dafee dhokatee sagalee hojjataa namichaa fakkessee, "Rakkinni illee hinjiru garuu Jibichoota keenya lamatu bade. Dhaqeen barbaadee fidee dhufa," jedhe. Namichis baay'ee itti aare, "Sagalee gadi qabadhu. Ani rafaan jira," jedhe gara manatti deebi'ee balbala isaa cufatee hirriba isaa itti fufe.

12

Qaxaleenis suuta jedhee Jiboota gabbatoo lamaan oofee dallaa keessaa baase. Obboleewwan isaas baay'ee itti gammadan. "Jibichoota baay'ee gabbataniidha! Amumma qalannee nyaanna," jedhan. "Hin ta'u!" jedhe Qaxaleen. "Yoo asitti qalle namichi hamaan kun nudhagahee nu qabuu waan danda'uuf gara laga gamaatti ceesifnee qalachuu wayya," jedhe.

13

Isa boodas, Qaxaleefi obboleewwan isaa jiboota lamaan sana oofanii gara lagaatti deeman. Garuu yommu lagicha bira ga'an, obbollewwan Qaxalee gowwoonni torban lagicha arganii rifatani. "Laga kana ce'uu hin dandeenyu, gadi fagoo ta'uu danda'a. Daakuu immoo hin dandeenyu. Garuu Qaxaleen eessa jira? Inni toftaa itti laga kana cee'uu dandeenyuu beekuu danda'a," jedhan.

14

Qaxaleenis gaafa sangaa tokko irra ta'ee, "Obboleewwan koo asan jira. Waan ta'uu malu ani beeka. Funyoo naaf kenna," jedheen. Obboleewwan isaas funyoo kennanif. Qaxaleenis funyoo gama tokko muka irratti erga hidhe booda isa gama biraa immoo lagicha daakee muka laga gama jirutti hidhe. Obboleewwan isaas waame, "Funyicha qabadhati as cee'aa. Homa hin tatani," jedhen.

15

Isa boodas, tokko tokkoon funyicha qabatanii jibichoota laman of dura oofaa cee'ani. Erga cee'ani booda, "Amma namicha hamaa irraa waan fagaanef jiboota kana qaluu dandeenya," jedhe Qaxaleen. Obboleewwan isaas erga jibootitti qalanii booda, bakka qixxee torbatti hiratan.

16

Qaxaleenis, "Eessa jira gaheen koo?" jedhee gaafate. Obboleewwan isaas itti kolfanii, "Ati baay'ee xiqqoodha. Foon nyaachuu hin dandeessu. Kanaafuu, gahee foonii hin qabdu," jedhan. Qaxaleenis baay'ee itti aare. "Anis isiniittan mala," jedhee garaa isaa keessatti yaade. Isa boodas, "Yoo foon isaa illee na dhowwatan, afuuffee isaa na keenna," jedhe gaafate.

17

Obboleewwan isaas afuuffee baasanii darbataniif. Qaxaleenis afuufficha fudhatee fiigee muka karaa isaan darban irra yaabate. Qaxaleen afuuficha hanga dhowuu gahutti afuufee mukatti hidhee reebuu eegale.

18

Afuufficha reebaa, "Ana miti kan jibootitti hate! Hadaraa gooftaa koo na dhiisi! Anatu hate miti! Obboleewwan kootu hate! Anan na dhiisi isaan dhufaa jiru. Isaanitu qalee foon isaa hirate!" jedhee iyyuu eegale. Obboleewwan isaa yommuu sagalee iyya Qaxale dhagahan baay'ee sodaatani. "Namichi hamaa kun hordofaa jira. Nuqabachuufi!" jedhanii foonicha gatanii fiigan.

19

Qaxaleenis suuta jedhee muka irraa bu'ee yommuu ilaalu obboleewwan isaa foonicha gatanii badaniru. Innis baay'ee itti kolfee, "Amma foon kun hundumtuu kan kooti," jedhe jedhama.

20
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Qaxalefi Obboleewwan Isaa
Author - Magabi Eynew Gessesse, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Vusi Malindi
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs