Qeerransafi Osolee
Abdulkadir Guracha
Rob Owen

Bara durii Qeerransafi Osoleen hiriyyaa turan. Re'oota baay'ees kan waliin tiksan qabu ture.

1

Qeerransi tiksee cimaa re'oota hin ture. Bakka isaan sirriti marga argatan hin oolchu ture. Yommuu inni tiksuu, re'ootin yeroo hunda hagabuu isaani deebi'uu ture.

2

Osoleen garuu yeroo hundaa waan harmee ishee waliin tikaa deemtuf, cimtuu turte. Harmeen ishee muka irra kortee re'ootaf baala cirtifi. Re'ootnis baala harmeen osolen murtee gadi darbatuufi gammachun nyaatu.

3

Gaaf tokko, Qeerransi Osoleedhaan akkas ittin jedhe, "Yommuu ati tiksiitu yeroo hundaa re'ootni quufani gammadani dhufu. Garuu yommuu dabaree koo, beela'ani deebi'uu. Sababni isaa maalidha?"

4

Osoleenis itti kofaltee. "Ani sii caalaa cimaa waanan ta'eefi. Ani yeroo hunduama albee fuudhee deeme eege isaani irrattii hidha. Albeen eege isaani irratti hidhames waan isaan soddaachisuuf nyaata barbaachuf olii gadi deemani nyaata barbaadatu. Garuu gaafa ani albee eege isaanitti hin hiine, dadhaboota dha. Bakkuma tokko dhaabatani oolu. Nyaata hin barbadatani." Jettee deebistefi.

5

Qeerransis baay'ee aare. "Osoleen kun natti baacaa jirti. Waan natti himee Dhugaa miti. Bor waliin deeme ilaaluun qaba." Jedhee yaade.

6

Guyyaa itti aanus, Qeerransi suuta jedhee akka Osoleen isaa hin arginee hordofe. Dhokate fagoo irraa ilaalu jalqabe.

7

Osolenis mukaa jala dhaabbatee, "Harmee! Koottuu na gargaarii. Re'oota koof waan nyaatan nan barbaada!"  Battalummatti harmeen Osoles baala kuttee gadi darbaachuu eegalte.

8

Qeerransis, "Kun Ajaa'iba! Harmee isheetu ishee gargaara. Baala mukaa irraa cirtee kan re'ootaf kennuu harmee Osoledha. Albeen eege re'oota irratti hidhames hin jiru," jedhe. Soba Osolettis baay'ee aare. Yaada isaatis, "Osolen akka gowwaa ta'etti na yaadi. Isheen na gowwomsuu yaaltu iyyuu, ani garuu eenyuu akkan ta'e ittin agarsiisa," jedhe.

9

Guyyaa itti aanus, dabaree Qeerransii re'oota tiksu turee. Innis bakka Osoleen re'oota geessite geese, "Harmee! Koottuu na gargarii. Re'oota koof waan nyaatan nan barbaada!"  Yommuu harmee Osoles mucaa kootuu dhufee jette mukaa irraa gadi buutu, qeerransis battalummatti qabee hudhee ajjeesse.

10

Borumtaa isaa dabaree Osolee ture. Osolenis muka harmeen ishee irra jiraatu re'oota geessite, "Harmee! Koottuu na gargarii. Re'oota koof waan nyaatan nan barbaada!"  Garuu deebin tokko iyyuu hin turre. Waan mukairraa gadi bu'ees hin jiru. Ammas Osooleen dabaltee "Harmee! Eessaa jirtaa?" Jette waamte. Garuu harmeen Osolee hin jirtuu.

11

Osolenis boo'icha eegalte. "Harmee koo, harmee koo" jette boosse. "Qeerransatu siin ajjesse" jette guyyaa guutuu hangaa ijji ishee dimaatutti boosse.

12

Osolen boo'aa ooltee galgala re'oota ishee ooftee garaa manatti deebite. Yommu mana geessus, "Maal tatee? Maalif ijji kee dimaate? Jedhe Qeerransi gaaffate. Isheenis, "Abbaa qoricha tokko bira deemani. Innis qoricha baay'ee gaari tahe ija kootti naafcoobse. Qorichichis kan baay'ee naguddisuf na cimsuudha" jette deebistef."

13

Qeerransis, "Anis qorichicha nan barbaada. Anaafis fiduu dandessa?" Osolenis, "Eyyeen. Ani xiqqoon qaba garuu siin sitti toluu dhiisu danda'aa," Jette. Qeerransis, "Maalif nattii hin tolu? Jedhee gaafate. "Sababin isaas siiboosisa," jette deebistef. "Qorichicha amma naaf kenni," jedhee ciise ijaa isaa bane."

14

Osolenis dhagaa ibidaa keessa keesse. Dhagichiis baay'ee diimate.

15

Isaa boodas, dhagicha diimate fuute ija qeerransa keessa goote keessa. Qeerransis, "Dhagaa kana ijaa koo keessaa baasi. Ija koo isa jaamsite naaf deebisi," jedhe booyee. "Ijaa kee siifan deebisa yommuu ati yoo harmee kee ishee ajjaafte naaf deebiste," jetten.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Qeerransafi Osolee
Author - Abdulkadir Guracha, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Rob Owen
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs