Gorsa Abbaa
Mohammed Kuyu

Bara durii namicha ijoollee dhiira lama qabatu ture.

1

Gaaf tokko ijoollee isaa waame akkas isaan jedhe, "Ijoollee koo ani du'uu gaheera. Garuu osoo hin du'iin dura mana mataa keessani arguun barbaada. Kanaafuu, ji'aa tokko keessatti deematii mana mataa keessani ijaaradha. Ji'aa tokko booda siinin argaa."

2

Ijoolleen lamaanu ariitidhaan manaa bahani.

Inni tokko garaa qarqara karatti gadi bu'ee mukoota muree mana mataa isaa ijaaru eegale.

3

Mucaan inni lammaffa immoo naanno biraa deeme namoota adda addaa waliin walbaruu eegale.

Akkasumas aadaa walbariifi guddifachan firumaa isaa cimsatee. Haala kananis firoota baay'ee horate.

4

Ji'aa tokko boodas ijoollen lamaanu gara mana abbaa isaanitti deebi'ani.

Abbaan isaasinis, "Mana mataa keessani ijaaratani?" Jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Eyyee."

5

Abbaan isaanis ka'ee mucaa duraa waliin mana inni ijaare ilaaluf deeme. Yommuu bakkicha gahanis, mana citaa baay'ee ijaarame arge.

Mucaa isaatinis, "Namni as keessa jiraatu jiraa?" jedhee gaafaten. Mucaan isaas, "Lakkii."

6

Ammaas mana citaa kanbira yommu gahu, "Mana kana keessaahoo namni jira?"

Mucaanis dabale, "Namni as keessa jiratu hin jiru."

7

Isa booda, abbaan isaa baay'ee itti gaddee. Sababin isaas manicha ijaarame keessatti namni isa gargaaru tokko illee hin jiru.

Dhuma irrattis abbaan isaa, "Gara manaa haa gallu." Jedhe walqabatani gara manatti deebi'ani.

8

Mucaan inni lammatas abbaaf obbollessa isaa waan hojjete agarsiisuf fuudhe deeme. Abbaa isaas maatii haala guddifachan naannoo sanatti horate waliin wal barsiise.

Isaanis haala ho'aan isaan simatan. Hoolaa qalani haala gaarin isaan keessumeesani.

9

Isaa booda, gara maatii isaa kan biraa abbaa isaa fuudhe deeme. Ammas abbaa isaa waliin maatii isaa guddifacha wal isaan barsiise.

Haala wal fakkaatun, warri kunis nyaataf dhugaatii qopheesani isaan simatan.

10

Ergaa nyaatani dhugani boodas, gara mana abbaa isaanitti deebi'ani.

11

Ergaa mana gahani boodas, abbaan isaani akkas jedhe, "Ijoollee koo mana mataa keessani jechuun, baayyina mana duwwaa miti. Mana kan namaaf tahuu nama dha. Jaalala namafi hiriyyuuma mana duwwaa in caala."

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Gorsa Abbaa
Author - Mohammed Kuyu, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - , Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud