Jeedalaaf Illeetii
Mohammed Kuyu
Jacob Kono

Bara durii Jeedala beela'e tokkotu ture.

Hantuuta daggala keessaa qabachuuf yaalu iyyuu garuu qabachuu hin dandeenye.

1

Gogorri qabachuu yaale, gogorrinis fiigdee muka irra baate. Isa booda, jeedalichi Tuqaa furdoo tokko arge, "Tuqaan kun baay'ee mi'oofti," jedhee yaade.

Tuqaanis jeedala argitee fiigdee boolla ishee dhakaa guddaa tokko jala jiru keessa galte. Jeedallis, "Boolla kana qotee baasun qaba," jedhee yaade.

2

Jeedalli boollicha qotuu jalqabe. Boollicha waan gadii fageessee qoteef dhakichi harka jeedalaa irratti jige. Innis of irraa kaasuu hin dandeenye.

Isa boodas, "Maaloo na gargaara! Dhakaan narratti kufe," jedhee iyyuu jalqabe.

3

Yommuu kana illeettin dhageessee fiigdee gara jeedalaa deemte, "Maal taate?" jettee gaafatte.

"Osoo Futuu qabachuuf jedhu dhakaan kun harka koo irratti kufe. Maaloo illeettii arjaa nana na gargaari!" jedhe.

4

Illettinis, "Ani sin gargaaraa ture garuu ani xiqqoo dha humna dhakaa guddaa kana sirraa kaasun hin qabu. Garuu yoon si gargaare maal naf goota?" jettee gaafate.

"Maaloo, maaloo, anuu nyaata mi'awaa ati jallatun irbaatakeef siifan fida. Addunyaa kan irratti nyaata baay'ee mi'awaa ta'ee nyaata," jedhee kadhate. Illeettinis, "Sigargaaruf nan yaala," jettee.

Irrattis walii galan.

5

Illeettin dhakicha irraa kaasuf dhiibde. Dhakichi garuu socho'uu dide. Irraa dedeebi'uun dhiibde.

Dhuma irrattis dhagicha irraa kaftee. Nigammades.

6

"Amma dhagichi sirraa ka'eera. Kanaafuu, nyaaticha nafkenni," jette Illeettin. Jeedallis, "Nyaata maali? Ani nyaata siif kennu homtuu hin jiru. Amma waanan baay'ee beela'eef illeettii coomtuu nana amma siin nyaadha," jedheen.

"Maal jette?" Jette illeettiin naasuutin, "Anatu si gargaare dhakaa sirraa kaase! Akka na badhaastu waliigallee ture. Amma akkamittin sin nyaadha jettaa?" Jette aaridhan. Jeedallis, "Ani Jeedala. Ati immoo Illeettii dha. Yeroo hunda Jeedalli Illeettii ni nyaata. Kanaafuu, na hin falmin."

7

Isa booda Jeedallafi Illeettiin jaarsa biyyaa barbaacha wal fudhatanii deeman. Dhuma irrattis jaarsa tokko argatan.

"Maaloo nu gargaaraa," jette Illeettiin. "Ani du'a isa oolchen, Jeedalli kun amma nanyaachufi. Dhakaan guddaa tokko harka isaa irratti kufee ture. Yoon dhakicha irraa kaase akka na badhaasu waadza naafgalee ture. Garuu ergan dhakicha irraa kaase booda waada naf seene cabse sin nyaadha nan jedhe," jettee Illeettin jaarsichatti himatte.

8

"Kuni sirrii miti," jedhe jaarsichis. Itti ansudhaanis, "Obbo Jeedalo ati galata kan hin qabneedha. Kanaafuu, Illeettin nagaadhan haa deemtu," jedheen Jeedalan.

Jeedallis, afaan garmalee banee, ilkaan isaa dhedheeroo gadi yaase Jaarsichatti agarsiise. "Hinta'u, Illeettii kana hin gadhiisu. Akka irraa nan hindhoowwine yookiin siinan nyaadha," jedhee Jeedalli Jaarsicha sodaachise.

9

Jaarsichis, "Maaloo nan hin nyaatin. Tasa dogogoreen ta'a. Ati sirrii dha. Ani waan kana asitti murteessuu hin danda'u osoo bakka dhakicha hin ilaalin. Maaltu ta'e garuu bakkaa dhakichatti?" jedhee wawate.

10

"Kuni baay'ee salphaadha. Waan achitti ta'ee baruu yoo barbaadde Koottu deemne sittan agarsiisa," jedhe Jeedalli.

Isa booda, Jaarsa, Illeettiifi Jeedalli walqabatani gara bakkichatti deebi'an. Erga bakkicha gahanii boodas, Jaarsichi, "Asii maal hojjachaa turtan?" jedhee gaafate.

11

Hantuuta daggalaa osoon adamsa jiru, Hantuutin boolla ishee keessa galte. Osoon baafachuuf qotaa jiruu, dhakaan harka kiyya irratti kufe.

"Dhakaa isa kam?" jedhee jaarsi Jeedalan gaafate. "Kunoo isa kana," jedhee Jeedalli itti agarsiise.

Jaarsichi, "Atihoo eessa turte?" jedhee gaafate. Jeedallis, "Kunoo as," jedhee ciise itti agarsiisuf.

12

Jaarsichis Illeettii ilaalee, "Ati baay'ee xiqqoo dha. Humnas waan qabdu natti hin fakkaatu dhakaa kana dhiibuuf. Ani kana gochuu kee hin amanu. Ati dhuguma dhakaa kana dandessee hin dhiibdu," jedheen.

Illeettinis, "Natu dhiibee irraa kaase! Nan danda'a!" jettee boosse. Jaarsichis, "Yoo dandesse mee natti agarsiisi," jedhe.

13

Isa booda, Illeettiin irra dedebitee dhakicha dhiibde. Dhakichis harka Jeedala irratti kufe.

Jaarsichis, "Dura haala kanaan Jeedala argitee?" jedhee Illeettii gaafate. Illeettiinis, nyaara ishee haala amma jiruun arguu ishee ibsite.

14

Jaarsichi deebisee jeedalaan, "Haala kanaan turee kan Illeettiin sii argite?" Jedhee gaafate. Jeedallis nyaaran, "Eyyee" jedhe.

Jaarsichis, "Gaaridha. Amma lamaan keessanuu haala duraa walagartanitti jirtu. Kanaafuu, illeetti fiigii gara mana keetti gali anis gara mana koottan gala," jedhe.

15

Haala kanaanis Jaarsafi Illeettin Jeedala isa galata hin qabne sana dhakaa jalatti dhiisanii gara mana isaani galan jedhama.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Jeedalaaf Illeetii
Author - Mohammed Kuyu, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud