Faantuufi Karoora Ishee
Mary Jaffer
Atilabachew Reda

Ani Faantu Badiluu jedhama. Barattuu kutaa lammafaati. Umriin koo waggaa torba dha.

Mucaa gaariifi barattuu cimtuu ta'uun barbaada.

1

Ganama yommuun hirriba irraa ka'u durseen mana fincaanii deema.

2

Mana fincaani booda harka koofi fuula koo nan dhiqadha. Ilkaan koo nan rigadha.

Afaan koos nan lulluuqadha.

3

Ciree koo nyaadhee dabtaraa fi kitaaba kiyya qabadheen gara mana barumsaa nin deema.

4

Karaa konkolaataa irratti  hin taphadhu.

Daandii konkolaataas ofeeggadheen qaxxamura.

5

Mana barumsaatti yeroodhan nan argama.

6

Faaruu fi kabaja sirna alaabaa irratti ciminaan nan hirmaadha.

7

Daree seenee yeroo maqaan koo waamamu nin owwaadha.

8

Waan barsiiftuun keenya jettus sirrittin dhaggeeffadha.

Waan naaf hin galles nan gaafaadha.

9

Waan barreeffames dabtara koo irratti garagalcheen nan qo'adha.

10

Hiriyyootta koo waliinis gareen nan qo'adha.

11

Hojii manaafi shaakala adda addaa hojjadheen akka naaf soroorfamuf dursee nin dhiyeeffadha.

12

Yeroo boqonnaafi laaqanaa hiriyyoota koo waliin nan taphadha.

13

Hiriyyoota koo waliin gonkumaa wal hin lollu.

Yoon balleesse illee dhiifama nan gaafadha.

14

Barsiiftuufi maatin koo waa'ee barumsaa kiyyaa yeroo yeroon ni mari'atu.

15

Waan barsiiftuufi maatiin koo nagorsan kabajaan nan fudhadha.

16

Mana barumsaatii ergan galee booda takka taphadheen hanga yeroo irbaataatti waanin guyyaa barreesse nan dubbisa.

Hojii manaakoos nan hojjedha.

17

Irbaata booda harka koo dhiqadhee, afaankoos lulluqadheen yeroon rafa.

18
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Faantuufi Karoora Ishee
Author - Mary Jaffer
Translation - Negessa ejeta
Illustration - Atilabachew Reda
Language - Afaan Oromo
Level - First paragraphs