Waraabesootnii maaliif okkolan?
Oda Wako Genale
Adonay Gebru

Waggoota heddu dura, waraabesootni beelan hubamanii turan. Sababa beelatiin re'ootni, hoolotaa fi loowwan gara iddoo birratti godaanani. Waraabesootni wana nyaatan takkalee hin qabani ture.

Dhimma kanarratti mari'achuuf waraabesoonti iddoo tokkotti wal gahaniiru.

1

Waraabessi tokko akkas jedhe, "Aadaa keenyattii wanta nu baqatan hunda ni nyaatna. Laaalii, duumesootni kuneen baqataa jiranii."

Waraabessi kun duumesootni gara iddoo birratti godaanan jedhe amanaa. Akkana jedhe dubbate, "Duumesoota kana haa nyaanu."

2

Battaluma sanatti, waraabessootni marti gara samii ol ilaalanii, duumessota deemaa jiranis argani.

Waraabesoota dardara keessaa tokko gaafate, "Akkamittin duumessoota bira gahuu dandeenya? Bar duumessotni lafa irraa baay'ee fagaatanii."

3

Waraabessi dulloomaan tokko akkas jedhe, "Nu keessaa waraabessi baay'ee cimaa ta'e lafarra haa dhaabatuu nu warrii hafine ammo duugda tokko tokkoo keenya irra ijanna. Haala kanaan hanga duumessoota bira geenyuu duugda tokko tokkoo keenyaa irra korra."

4

Waraabessotni hundi yaada kana fudhachuudhaan duugdarra wal yaabuu eegalani.

Yeroo gabaabaa booda, warrabessootni hundi waan wal irraa koraniif kan lafarratti hafe waraabessa baay'ee cimaa ta'e qofa.

5

Waraabessi isa dhumaa erga ol kore booda, waraabechi cimaan lafarra ijatte isan kuun duumesa bira gahanii nyaataa jiran jedhee yaade.

Akkas jedhee gaafate, dhangaa nyaachaa jirtaan irraa muraasa maaliif naa hi laatine?

6

Haa ta'uu malee, waraabesootni duumesoota bira hin geenye.

Waraabeyyiin kun dhangaa homaatuu argachuu hin dandeenye. Kanaafuu, waraabessa cimaa lafarra ijjate sanaaf waan kennan hin qabani ture.

7

Waraabessichi cimaan obsuu waan dadhabeeef iddoo ijjate irraa gara bitaatti soso'e. Yeroo kana Waraabesootni wal irra Koran hundi gara mirgaatti kukkufani.

Sababa kanaaf, har'aillee waraabessootni hundi gara mirgaatitti okkola.

8
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Waraabesootnii maaliif okkolan?
Author - Oda Wako Genale
Adaptation - Aman Kadiro
Illustration - Adonay Gebru
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs