

Gaaf tokko ilmi waraabessaa du'e.
Harreen tokko oduu du'a warrabessa dhageye. Gara firoota isa fiigudhaan, "Ilmi waraaboo du'e," jedhe.
Harrotini biros akkas jedhan, "Ilmi waraaboo moo? Kun oduu gaariidha. Waraabessooni martii diinotaa keenya."
Harreen dulloomaan tokko akkas jedhe, "Yaa obboleeyyan koo, iddoo sirna awwaalaa deemuu nurra jira, kabaja kennuufi qabna."
"Maal? Awwaala waraabessa deeminaa?" "Nuyi ni sodaanna, deemuu hin barbaanuu. Waraabeyiin nu nyaatu," Jedhan, Harrootni biroo.
"Dhageefadha," jedhe, harreen dulloomaan tokko. "Yoo hin deemunu ta'e waraabessotni nun lolani. Nu nyaatufis sababa argatani."
"Harrootn martuu sirriidha," jedhan. "Sirna awwaalaa irraa hafuu hin qabnu. Yoo deemine waraabesoni ni gammadu firas nu ta'u."
Waraabessotni, harrota heddu manneen ofii biratti argani. "Harrotni kun maal asii godhani? Nutti kofluuf dhufani laata?"
Maal ajaai'bni kun jedhan waraabessonti. Ennaa waraabessoni waa'ee isaani dubbatani, horrotni dhagani. Harronis rifanii faaruu faaruu jalqabani.
Kun faarruu harrootni yemmuu qa'ee waraabessa gahan faarsaa turan:
Warrabessa guddaa, kan halkan guutuu adamsu, kan addeessa keessa weedduu isaa dhaageynu. Waraaboo abbaa ilkaan Dheeraa, abbaa ija ifaa. Kan nyaatu gurraachaa kan udaantuu adii. Amma garuu ilmi kee kufee siree irra jira. Gooftan keenya du'ee jira.
Eessumni waraabessa du'ee akkas jedhe faarse:
Faarsuun keessan dansaa, jechi keessan damma, ol seenaa taa'aa harroota kabajamoo. Garuu waan nyaatnu maal nu fiddan? Nuyi Waraabeyyin beelofne. Nuyi waraabeyyin foon barbadna.
Amma harrotni Baayyee sodaataniru. "Haa dheesinu," jedhe harren tokko.
"Hin ta'u, arianii nu qaban," jedhe harreen biraa.
Harreen dulloomaan tokko akkas jedhe, "Gooftoota, nuyi kabaja keessaniif dhufine. Dutii ilma keessanii baayyee nu gaddisise. Waaqni akka obsa isinii kennu isinii kadhanaa. Amma gara mana keenya deebine deemnuu qabna."
Harootni deemuu eegalani.
"Turaa!" jedhe Waraabessi tokko. "Deemuu hin dandeesan. Waan nyaatnu nuu kennu qabdan. Hidhii keessaa muraa nuu kennaa."
Harrootni hundi wal ilaalani, akkas jedhan, "Tarii yoo hidhi keenya kennineef akka deeminu nu eeyyaman ta'a."
Waraabeyyiin hidhii harrootaa muranii nyaatani.
Ammas, harrotni dheesuuf yaalani.
"Dhaabaa!" Jedhee iyye eessumni waraabessa du'ee. "Obboleewwan kiyya harroota kana gadi lakkiftanaa? Ilaala mee! Ilkaan isaanii ilaala! Bar nutti koflaa jiranii."
"Koflaa jiranii! Koflaa jiranii!"
Waraabeyyin harrotatti utaalani qabatani. Ajjeesani nyaachuu eegalani.
Harreen dulloomaan osoo hin nyaatamin dura, waraabessa tokkon akkas jedhe, "Waraaboo abaaramoo nuti faaruu qabannee kan dhufneef isin jajjabeesuuf, ta'us dogoggorneera. Yeroo biraa yoo beeloftee, firoota keessan nyaachuuf sababa hin taane hin barbaadna."

