Ilma mootii Hanttuutaa
Merga Debelo
Salim Kasamba

Mootiin hannttuuta Baayyee kooraa ture. Akkas jedhe dubbate, "Hanttuutoni bineensota addunyarra jiran hunda caalaa dinqsifamtoota."

Hanttuutoni marti yaada mootii kanarratti walii galaani. Akkas jedhani, sirrii jette, nuyi honttuutotni, bineensota addunyaa hunda caalaa dinqisiifannaa baayyee qabina.

1

"Ani mootii addunyaa keessaa dinqisiifannaa guddaa qaba," jedhe mootiin hanttuutaa.

Dhudhaadha, "Ati mootii addunyaa keessaa dinqisiifannaa olaanaa qabda, jedhan hanttuutoni hundi."

2

"Ilmi kiyya ilmaan mootota addunyaa hunda caalaa dinqisiifamaa dha," jedhe mootiin hanttuutaa.

"Dhugaadha! Ilmi kee, ilmaan mootota addunyaa hunda caalaa dinqisiifamaa dha," irratti walii galan hanttutotni hundi.

3

"Ilma kiyyaaf niitii barbaaduu qabna," jedhe mootiin hanttuutaa jaarsolee isaatin.

"Bineensotni adduynaa keessaa dinqisiifanna olaanaa akka hanttuutaa qaban hin jiran. Ilmi kiyyaa intla dubartoota hunda caaltuu fuudhu qaba. Eessa argaachuu dandeenya laata?"

4

Jaarsoleenis yeroo dheeraaf dhimma kanarratti yaadaa turan. Booda isaan keessaa tokko akkas jedhe, "Namni nu hunda caalu tokko jira."
"Eenyu inni?" Jedhe mootiin haanttuutaa.

"Waaqa nu uume kaa," jedhe jaarsichi. "Dhugaa jette," jedhe mootiin hanttuutaa. "Waaqni nu uume nu caala. Deemii intala isaa akka nu kennu gaafadhu."

5

Jaarsoleen hanttuutaa waaqa isaan uume barbaacha gara samii adeemani.

Akkana jedhan, "Maaloo Waaqayyoo, ilmi mootii keenya baayyyee dinqisiifamaa dha. Intala kee nu kennuufi dandeessaa?"

6

Waaqnnii seeqe akkana jedhe, "Yoo ilmi kee dhugaa bineenssota addunyaa hunda caalaa dinqisiifamaa ta'e intalli koo itti xiqqaatti. Kan na caalurraa fuudhuu qaba. Kan eenyuu haa fuudhu?" gaafate hanttuutni, hurriin na caalaa jedhe waaqayyoo.

"Hurriin samiirraa deema nattis ni haguuga. Isa jalaa miliquu hin danda'u. Isa of irraa dhoorku hin danda'u. Intala hurrii fuudhhaf gaafadha."

7

Jaarsoleenis gara mana mooti deebi'anii deeman. "Waaqayyoo yoomiyyu sirriidha," jedhe mootiin hanttuutaa. "Deemaa hurri gaafadha."

8

Haaluma kanaan, jaarsoleen hanttuutaa hurrii barbaacha deemani. "Hurriis akkas jedhaniin, ilmi mootii hanttuutaa bineensota hunda caalaa kabajamoodha, kaanafuu intalaa kee fuudhuu barbaada."

"Mee waaee isaa natti himaa," jedhe hurriin. "Innni abshaala fi bareeda, jedhan jaarsoleen." "Dhaabaa!" Jedhe hurriin. "Intaltti kiyya hin taatuf. Nama na caalu biraa irraa fuudhu qaba."

9

"Eenya kan hurrii caalu?" jaarsoleen gaafatan. "Bubbeen na caala," jedhe hurriin.

"Bubbeen na daddaqisaa. Ofirra ittissuu hin danda'u. Bubbee bira deemaan intalaa isa gaafadha."

10

Jaarsoleenis gara mana mooti deebi'anii deeman. "Waaqayyoo yoomiyyu sirriidha," jedhe mootiin hanttuutaa. "Deemaa hurri gaafadha."

11

Jaarsoleenis bubbee barbaacha deemani. Akkas jedhan bubbeen, "Kabajamoo, mootii hanttuutatu nu erge. Inni mootii moototaati, intalaa kee ilma isaatiif akka kennitu si gaafachuuf dhufine."

"Dhuguma inni mootii addunyaa keessa mootii guddaadha?" Jedhe gaafate bubbeen. Akkas taanan soddaa naaf ta'uu hin danda'u. Mootii na caaluu barbaadee irraa haa fuudhu, jedhe bubbeen.

12

"Eenyutu bubee caala?" gaafatan jaarsoleen. Gaaratu na caala, "Jadhe bubbeen." "Ani gaara dhiibee irra bubbisa garuu gaarrri hin socha'u. Kanaafuu deemaa intala isaa akka isini kennu gaafadha." Jaarsoleenis deebi'anii gara mooticha deemani.

"Eeyye," mootichis akkas jedhe iyyee itti hime. "Bubbeen sirri dubbate. Deemaa gaaratti himaa."

13

Haaluma kanaan, jaarsoleen hanttuutaa hurrii barbaacha deemani. "Hurriis akkas jedhaniin, ilmi mootii hanttuutaa bineensota hunda caalaa kabajamoodha, kaanafuu intalaa kee fuudhuu barbaada."

"Mee waa"ee isaa natti himaa," jedhe hurriin. "Innni abshaala fi bareeda, jedhan jaarsoleen." "Dhaabaa!" Jedhe hurriin. "Intaltti kiyya hin taatuf. Nama na caalu biraa irraa fuudhu qaba."

14

Jaarsoleen gara mana mootitti deebi'anii deemani.

Mootiin hanttuutaas akkas jedhee gaafate, "Hanttuutni bosonaa dubrii kiyya. Intalli isaa ilma kiyyaaf niitii gaarii taati."

15

Haaluma kanaan, ilmi mootii hanttuutaa intala hanttuutaa bosonaa fuudhe.

Boodas dhirsaf niitii ta'uun gammachuun waggaa dheeraaf waliin jiraatani.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Ilma mootii Hanttuutaa
Author - Merga Debelo, Elizabeth Laird
Adaptation - Aman Kadiro
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud