

Bara dur namichi tokkoof biineensotni shan gara fuula waraanaa waliin deemani. Guyyaa guutuu hanga aduun lixxutti waliin deemaa oolan.
"Eessa bullaa?" gaafatee harreen.
"Ilaalii hoxxeen tokko jirti. Achi buluu ni dandeenya," jedhe bofni.
Bineensonni kun gara hoxxe deemani. Warri hoxxichas, dhiirsaf niitiin sagalee ol kaasanii. "Baga nu bira buluuf nagaan dhuftan jedhani, garu nyaata isinii kenninu hin qabnu," jedhe abbaan manaa.
"Saani ala jiru kun hoo?" gaafate sareen. "Qabeenyi keenya isa qofa. Isa yoo qallee, homuu nuu hin hafani," jette niitiin.
"Maaloo sa'aa keessan nuu qalaa badhaasa isiniif laatinaa," jedhe namini.
"Dhiiga sa'aa yoo naa kennitan, isin badhaasa," jedhe leencci. "Ani lafee barbaada," yoo lafee argadhe isin badhaasa," jedhe sareen. "Ani cooma barbaada," jedhe bofni. "Ani foon gogaa jalaa barbaada, isin badhaasa," naa kennaa jette cululleen.
"Anaaf annan kennaa, gaaf tokko waan gaarii isinii laadha," jedhe namini. "Ani foon hin barbaadu, okaya manarra jiru keessa hanga tokko naa kennaa," jedhe harreen.
Boodarratti dhiirsaf niitiin sa'aa isaanii qalani. Dhiiga leencaaf, lafee sareef, aannan namaaf, coomaa bofaaf, foon gogaa jalaa cululleef laatan.
Hareen immoo okaya argatte.
Imaltootni halkan san hirriba gaarii rafanii bulan.
Gaafa borumtaa ka'anii deemani.
Torbaan heddu dabraniru, halkan tokko, dhiirsaaf niitiin ennaa leencii aadu dhagani. Ala bahani barbaadu eegalani. Leenca homaatuu hin agare, garuu buudaa arbaa gudddaa tokko lafarratti argani.
"Wantti kun gati qabeessaa," jette niitiin dhiirsaa isheetiin. "Ol galchi," jedheen abbaan manaa ishee. "Of eeganoo godhuu qabna, tarii hattootni nu jalaa fudhachuu danda'u."
Yeroo yarttuu booda, sareen dute. Dhiirsa fi niitiin of duuba ilaalan. Sareen balbalaa manaa bira ciiseera.
"Hin yaadina. Ani hattotnii akka asi hin dhiyaatnee naan godha, duraan na gargaarteta amma immoo anatu isiin gargaara," jedhe sareen.
Abbaan manaa obboleessa hamaa tokko qaba. Obboleessi isa kun baayyee sooressa fi gara jabeessas, ijaa kanaaf namni hundi isa jibba.
Obboleessi kun waa'ee buudaa arbaa kana dhagahe. Akkas jedhee yaade, "Buudaa arbaa kana ni barbaada. Obboleessa koo ajjeesee buuda kana fudhadha."
Namichi hamaan kun halkan qixxee ka'ee gara mana obboleessa isa deeme.
Ennaa kana boftii daandirra ciisee isa eeggachaa ture. Boodarratti Namicha hamaa kana iddee ajjeese.
Biyyaa sanatti, obboleessi qabeenya obboleesa isa du'ee dhaale. Haaluma kanaan, saawwanfi hoolotni obboleesa hamaa qabeeyna dhiirsafi nittii kanneeni ta'ani.
"Leencci, saree fi bofti idaa isaanii kaffalaniiru," jedhe dhiirsii niitidhan. "Cululleen, harrrefi namni idaa issanni kafaluu laata?"
Gaaf tokko cululleen samii keessa ol fagaatee bararaa tutrte.Oggaa gadii ilaaltu, tuuta jaarsota daandirra adeeman agarte. Wanta cululiqu harka isaan irratti agarte.
"Maallaqafi faayaa," jette yaadde. "Badhaasa niitiin dhiisaaf kennite yookiin ammoo dhiirsii niitiif kenne geessuuf deemaa jirani. Badhaasni kun wal dhabiinsa dhiirsaf niitii jidduu jiru furuuf gargaara. Garuu dhiifama walii godhu isaanii hin hafu."
Cululleenis gadii jette bararuun badhaasa harka jaarsotaa irraa butatte.
Badhaasa harka jaarsotaa irraa fuute kanas mana dhiirsafi niitii birratti darbte.
Guyyuma san, harreen daanga bosonaaarra deemaa tutrte. Jooniyaa maallaqaan guutame ulfaataa baadhattee jirti. Namtichi harree isa akkanaa jedhee rukute. "Dafii deemii, yaa wallaaltu, dadhabdu."
Harreenis namicha hamaa kana adabuuf murtteesite.
Harreen kun maallaqa duugdatti baattte wajjiin baqattee gara mana dhiirsafi niitii deemte. "Fudhadhaa keessanii," jetteen.
Haaluma kanaan namichi dulloomaa fi niitiin isaa maallaqa gudaa argatanii durooman.
Firootni keenya bineensotni gaarii nuu yaadanii, jedhe dhiirsi. "Isaaniif jecha sa'a qaluun keenya na gammachiisera. Naminni garu hanga amma idaa isarra jiru hin qafalle," jette niitiin.
"Bineensotni kun waan baayyee nuu godhaniru, naminii shakkii malee kana caalaa nuu godha," jette niitiinn.
Dhiirsaf niitiin kun. Yeroo dheeraf dhufiinsa ilma nama eegaa turan. Torbaan, ji'oota fi waggootni heddu dabrani. Ilmmi namaa gonkkumaa deebi'ee hin dhufinne.
Bineensotni ahadii galan hin cabisine. Ilmii namaa garuu ahadii seenee hin guutnee.

