Waraabessaafi Qamale (Colour-in)
Mulualem Daba
Salim Kasamba

Bara durii Qamaleefi Waraabessii jiru turan.

Isaanis guyyaa tokko wal lolani gara abbaa alangaatti furmaata barbaacha deeman.

1

Abbaan alangichiis erga dhimma isaani dhagahee booda murteessuu sodaate.

Innis sammuu isaa keessatti akkas jedhe yaade, "Waraabessa kanatti yoon murteesse horii koo najalaa nyaata yoon Qamaletti murteesse immoo boqqollo koo najalaa fixxi. Akkam gochuu naaf wayya?"

2

Abbaan alangaanis erga xiqqoo itti yaade booda, "Ani dhimma kana kophaakoo hiiku waan hindandeenyeef gara jaarsolii gandatti osoo deemtan wayya," jedhee Qamaleef Waraabessaa gara jaarsoli gandaattii erge.

Qamaleef Waraabessichiis tole jedhani jaarsolii gandaa qunnamuuf deeman.

3

Jaarsoli Gandaatis waan irratti wal lolan itti himaan.

Jaarsoliinis dhimma isaani ergaa dhagahani booda murtoo kennuuf sodaatan.

4

Yoo Qamaleef murteessan, waraabessi horii isaani jalaa nyaata. Yoo waraabessaaf murteessan immoo, Qamaleen midhaan isaani jalaa fixxi. Kanaafuu, jaarsoliin dhiimmi kun murtoof ulfaataa ta'uu isaa Qamalefi Waraabeessatti himan.

5

Battaluma sanatti jaarsoliin gandaa sun jaarti hiyyeetti taate tokko yaadatani. Jaartin kun horis, midhaanis hin qabdu.

Kanaafu, sodaa tokko malee murtii kennu danda'a jedhanii waan yaadaniif Qamalefi Waraabessaa gara jaartii hiyyeetti kanatti ergan.

6

Isaanis gara mana jaarti kanaa deeman. Yommu achi gahanis rakkina isaanii itti himanii murtoo akka keenituufif gaaffatan. Jaartinis murtessuf waligale.

Garuu kopha kophatti isaan dubbisuuf akka barbaaddu isanitti himte.

7

Jalqaba Waraabessan waamtee, "Ati kabajamaa, guddaa fi goota dha. Akkamitti muyiif cittooftu Qamalee kana wajjin wal loltaa?"

8

Jaartin hiyyeetti kun waraabessan, "Namni osoo kana dhagahee kan salphaatte isatti fakkata. Kanaafu, lola Qamalee waliin qabdu osoo dhiiste siif wayya," jetteen.

Waraabesichiis, "Dhugaa keeti ishiin hiriyyaako miti. Anii dhimma kana dhiseera," jedhe waliigale.

9

Itti ansuudhan Jaartin hiyyeetti kun Qamale kophaatti waamtee akkas ittin jette, "Ati abshaalafi midhaagdu dha. Akkamitti Waraabessa xuraawaa, ajaawaa fi waan tortore nyaatu kana waliin wal loltaa? Namoonni uumama fokkisaa kana wajjin wal loluukee osoo dhagahani maal siin jedhu?" Jetteen.

Qamalenis xiqqoo itti yaadde, "Dhugaadha! Ani dhimma kana dhiiseera," jetteen.

10

Isaa boodas, Jaartin hiyyeetti kun Qamaleef Waraabessa walitti waamtee, "Dubbii kana dhiisu qabdu. Kanaafuu, ammaa dhiifama wal gaafatadha," jetteen.

11

Isaanis dhiifama walgaafatani walitti araaraman.
Namoonni gandichaas kana dhagahanii baay'ee ajaa'ibsifatan. Rakkina abbaa alangaafi jaarsooliin kan hiiku hin dandeenye, hiyyeettin jaarti tokko furmaata argateef.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Waraabessaafi Qamale (Colour-in)
Author - Mulualem Daba
Adaptation - Mulualem Daba
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs