

Shaakala Dubbisa Duraa
1. Bucheefi muceen maal walii ta'u?
2. Xuuxillaan ilmoo maaliiti?
3. Isin maal maalfaa taphachuu dandeessu?
4. Eenyu waliin taphattu?
Xuuxillaa, bashoofi cuuceen ilmoolee beelladootaa ganda tokko keessa waliin jiraatanidha.
Ilmooleen beelladaa kunis, gaaf tokko karaa irratti wal arganii wal haabarru waliin jedhani.
"Ani Xuuxillaan jedhama," jette ilmoon saree.
"Anaan immoo bashoo naan jedhu," jette ilmoon adurree.
"Maqaan koo Cuuceedha," jette ilmoon lukkuu.
Ilmooleen kun takka erga taphatanii, booda maal haa nyaannu? Jedhanii wal gaafatani.
Boodas waan nyaatamu ofumaan deemnee fidanna jedhanii walii galan.
Xuuxillaan, "Ani lafeen fidadha," jette.
Bashoon immoo, ''Ani aannanin fida, atoo maal fidda Cuucee?" jette.
"Ani immoo dhangaa dheedhiin fida jette," Cuuceen.
Sadan isaanii walitti dhufuun nyaata walitti qaban erga nyaatanii booda, amma immoo waliin haa utaallu jedhan.
Xuuxillaan, "Ani funyoo utaaluu nan danda'a jette."
Bashoonis dabaree ishee eegdee utaalte.
Cuuceenis amma immoo dabareen kan kooti jettee utaalte.
"Cuuceen sadan keenya waliin haa utaallu jette. Bashoon immoo funyoo eenyutuu nuuf qaba?" jette.
Xuuxillaan funyoo muka kanatti haa hidhannu jette. Sadan isaanii yoo waliin utaalan cuuceen nikufte.
Cuuceen isa funyoo utaaluuf jettee kufteef gadditee, "Ciwu! ciwu! ciwu!'' jettee boosse.
Bashoofi Xuuxillaan, "Homaa miti Cuucee, hinbooyin jechuun," hammatanii ishee dhungtan.
Cuuceenis, waan hiriyyoonni ishii ishee jajjabeessaniif baay'ee gammadde.
Shaakala Dubbisa Boodaa
1. Cuuceen maaliif gammadde?
2. Hiriyyoonni sadan eessatti wal argan?
3. Cuuceen gammaddeemoo gadditeet boosse?
4. Hiriyyoota sadan keessaa kan adda ta'e kami?

