Malli humna caala
Negassa Ejeta
Mekasha Haile

Shaakala Dubbisa Duraa
1. Bineensota naannawaa keessan jiran maalfaa beektu?
2. Naannawaa keessanitti taphoota isin taphattan maalfa'i?
3. Taphni isin taphattan sun seera akkamii qaba?
4. Jiruufi jireenya hawaasaa keessatti walitti bu'iinsi maal fida?

1

Qamalee, Leenca, Sattawwaafi Harre diidoon olla walii Jiraatu turan.

2

Qamaleen mukeen iji isaanii nyaatamu kanneen akka agamsaa, goraafi arbuufaa magarsiti.

3

Leenci immoo bineensota foon isaanii nyaatamu kanneen akka Kuruphee, bosonuufi borofaa horsiisa.

4

Sattawwaan muka dheeraa kan akka baargamoo, gaattiraafi birbirsafaa dhaabuun kunuunsa.

5

Harre didoon immoo osoo homaa hinhojjatiin marguma naannawa isaa jiru dheedee jiraata ture. Yeroo margicha nyaatee quufus niciisa.

6

Bineensonni olla walii jiraatan kun akka daangaa walii hindarbine kakatanii waadaa waliif galan. Daangaa lafa isaanii irrattis dallaa ijaarratanii jiru.

7

Yeroo muraasaan booda, harrediidoo jalaa margi dhumnaan waan nyaatu dhabe.

8

Gaaf tokko, hare diidoon dallaa qamalee cabsee osoo marga ishee dheedaa jiruu qamaleen itti dhufte.

9

Qamleenis, "Maali hare diidoo, daangaa waliitti hindarbinu jennee waadaa walii gallee jirra mitii maaliif dallaakoo cabsitee seenta"? jettee gaafatteen.

10

Harre diidoonis, marga nyaadhu dhabee waanan beela'eefan dallaakee seene. Kanaafuu, dhiifama naaf godhi jedheen.

11

Harre diidoonis ati mukarra malee lafa hinjiraattu, firii mukaa nyaatta malee margas hindheeddu, maalifin si gaafadha? Jedheen.

12

Qamaleenis, "Humna waan hinqabneef homaa na hingootu jetteetu mirga kootti buute mitii? Sitti himeera! Lammata qe'ee kootti hindeebi'iin" jetteen.

13

Harre diidoonis, "Ilbisni kun! mee waan ati na gootun arga" jedhee deeme.

14

Qamaleenis harrediidoon deebi'uu danda'a jechuun halkan boolla qottee baala irra buuftee, bulte. Harre diidoon karaadhuma kanaan dura seeneen dallaa qamalee cabsee yoo seenu boolla bu'ee caccabe. Of tuulummaan isaas miidhaa kana itti fide.

15

Qamaleenis, "Akka warra kaanii human qabaadhee sodaatamuu baadhus malan ittiin si miidhu hindhabu," jetteen jedhama.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Malli humna caala
Author - Negassa Ejeta
Illustration - Mekasha Haile
Language - Oromiffa
Level - First paragraphs