

Bara durii namicha ijoollee sadii qabu tokkotu ture. Mucaan inni quxisuu baay'ee cimaa waan ta'eef abbaan isaa baay'ee isa jaallata. Yeroo boodas, obboleewwan isaa lamaan akka itti hinaafan abbaan isaa hubate. Kanaafuu, yommuu abbaan isaani du'e, horii qabu hundumaa ijoollee isaa warra hangafaa lamaanif kenne. Isa quxisuuf immoo sangaa tokko qofa kennef. Haa ta'u malee, obboleewwan isaa ammas itti hinaafuu hin dhiisne.
Gaaf tokko akkas jedhanin, "Sangaa kee sijalaa qalanna." Mucaan inni quxisuus waan diduu sodaateef, akkas isaanin jedhe, "Qalachuun kessaan yoo dirqama ta'e waanan godhu hin qabu. Garuu gogaa sangaa koo naaf kennaa." Sangicha qalanii gogaa isaas kenaniif. Innis, gogicha erga gogsee booda muka fudhate kore.
Yommuu aduun dhihus, daldaaltotni mukicha jala buluuf walgahan. Halkan qixxee yommuu ta'u, mucaanis gogicha reebuu eegale. Gogichi yeroo uleen rukkutamu sagalee akka bakakkaa dhageesise. Daldaaltotni mukicha jala turanis, bakakkaatu nurra bu'uuf jedhanii meeshaa isaani gatanii fiigan.
Mucaanis muka irraa bu'ee meeshaale warra daldaltoota hunda fudhatee gara mana isaatti gale. Obboleewwan isaas, "Eessa fiddee qabeenya kana hunduma?" jedhanii isa gaafatan. Innis, "Gatiin gogaa baay'ee mi'adha. Gogaa isin naa kennitan gurguradheen qabeenya kana hunduma bitadhee dhufe," jedhen.
Obboleewwan isaas dafanii horii qaban hunda qalanii gurguruuf gara gabaa deeman. "Nama gogaa bitu! Nama gogaa bitu! Jechaa namoota gabaa gaafachuu eegalan." Namoonni gabaa keessas, "Nuyi gogaa kee hin barbaannu," jedhan. Isaanis baay'ee aarani galanii obbolessa isaanin, "Nu gowoomsite. Kanaafuu, nuyis mana kee gubna," jedhan.
Ammas, "Mana koo gubdu taanan waanan godhu hin qabu garuu daaraa isaa nan dhowwatinaa," jedhe mucaan inni quxxisus. Isaanis mana isaa jalaa guban. Innis daaraa mana isaa qalqalootti naqatee gara mana sooressa tokko deeme. Namichi sooressi kunis akka inni mana isaa guyyaa tokkoof bulu eyyameef. Yommuu ciisuf jedhu namicha sooressa sanan, "Qalqaloo koo immoo hadaraa wanta baay'eetu keessa jira," jedhe rafe.
Mucaan abshaalli kunis ganama obboroo ka'ee iyyuu jalqabe. Namichi sooressi kunis, "Maal taate?" jedhee gaafate. Mucaanis, "Namni wayii meeshaa koo gatii mi'aawa baasu hunda fudhatee daaraa itti naanaqee bule," jedhee boo'uu eegale. Namichi sooressi kunis akka maqaan isaa badu waan hin barbadneef mucaadhan akkas jedheen, "Ani waan barbaadde hundumaa siifan kenna." Isa boodas qalqalloo isaatti Xaafii, Garbuu fi akaakuu midhaan garaagaraa naqeef.
Mucaan abshaalli kunis gara mana obboleewwan isaatti deebi'ee, "Ilaalaa daaraa mana koo gubateen gurguradhee waanan bitee dhufe," jedhe itti agarsiise. Obboleewwan isaas mana isaanii gubanii daaraa isaa baatani gurgurachuuf gara gabaa deeman. Gabaa gahanii sagalee isaani ol kaasanii, "Nama daaraa bitu! Nama daaraa bitu!" jechuu jalqaban. Namoonni gabaa keessas, "Daari! Enyutu daaraa sirraa bita?" jedhanin.
Obboleewwan isaas baay'ee itti aaranii obboleessa isaanii ajjeesuf murteessan. Guuboo keessa kahaanii halayyaa keessa buusani ajjeesuf murteessan. Guuboo keessatti hidhanii yommuu gara halayyaatti deema jiran, namicha jaarsa tokkotti dhufan. Jaarsichis, "Maaloo ijoollee koo horiin koo najalaa badaa jirti mee naa deebisaame," jedhen. Isaanis guubicha lafa kahanii horii jaarsichaa deebisuf fiigan.
Mucaan abshaalli kunis guuboo keessaa jaarsicha waame. Jaarsichis, "Maalif as keessatti si hidhani?" Jedhee gaafate. Mucaanis, "Ani akkan mootii ta'u waan barbaadanif as keessatti na hidhan ani garuu mooti ta'uu hin barbaadu," jedhee deebisef. Jaarsichis, "Ani yoon guuboo kana keessa gale mootii ta'uu nan danda'aa?" jedhe gaafate. Mucaanis, "Eyyee ni dandeessu," jedheen.
Jaarsichis mucaa guuboo keessa baasee ofiisaati guuboo keessa gale. Obboleewwan isaas horii jaarsichaa deebisani yeroo deebi'an guuboo sana fudhanii gara hallayatti darbatan. Mucaan abshaalli kunis horii jaarsichaa fudhatee gara manatti deebi'e. Obboleewwan isaa yommuu mucaa lubbuudhan argan baay'ee dinqisiifatan. Isa booda, "Essa fidde horii kana?" Jedhanii gaafatan.
Innis, "Hallayicha keessa horii baay'eetu jira. Yoo akka koo guuboo keessa teessanii hallayichatti darbatamtan akka koo horii fudhattanii dhuftu," jedheen. Isaanis dhugaa se'anii guuboo keessa galani. Mucaan abshaalli kunis halayyaa keesatti isaan darbatee ajjeesse. Isa boodas nagaadhan jiraate jedhama.

