

Gaaf tokko Naachi bishaan keessaa bahee osoo aduu qanqamatu Qamalee waliin walargan. Nagaa walgaafatan.
Erga walbarani booda Qamaleen bakka jireenya Naacha gaafatte. Naachis, "Bishaan keessan jiraadha," jedhe deebiseef. Qamaleenis, "Jireenyi bishaan keessaa akkami dha? Namatti tola?" jettee gaafatten.
Naachis, "Baayye namatti tola," jedhe deebiseef. Itti aansudhaanis Qamaleedhan, "Ati essa jiraatta?" jedhee gaafaten. Qamalenis, "Muka irra jiraadha asii fudura adda addaafi baala sooranna. Ati maal sooratta?" jettee gaafateeni.
Naachis, "Ani foonan sooranna." Naachi garuu garaa isaa keessatti haala qamaletti qabate nyaatu yaadu eegale. Isa boodas, "Addee Qamu bishaan daktee beektaa?"
Qamalenis, "Lakkii! Anoo daaku hin danda'u." Naachis, "Ani maalif siinbarsiisu." "Lakki! Hin barbaadu."
Jette didde. Naachi garuu baayyee sossobeni, "Nuyi fira tanaa. Dugda koo irra teessee daakta," jedhe amansiise. Isa booda Qamaleen dugdaa Naachaa irra teessee deemu eegalan.
Walakka galaanicha yommuu gahan, "Sitti tolee?" Jedhe Naachi Qamale gaafate. Qamalenis, "Eyyee Gammadeera," jette.
Isa booda Naachi Qamalee nyaachuf waan yaadef, "Eessuma koo bayyee dhukkubeera. Qorichii isaa immoo onnee Qamalee nan jedhanii," jedheen.
Qamalenis baayyee naate, ni rom'itee, gaddis itti dhagahame. Garuu mala ittin miliqtuu barbaadu eegalte.
Isa boodas Naacha waamte, "Homa miti hin yaada'in ani kan koo siifan kenna."
Naachis, "Dhugaa? Naf keennitaa?" Jedhe. Qamalenis, "Dhugaa! Siifan kenna."
Xiqqoo itti yaaddee mala dhooftee akkas jette, "UU! Obbo Naacho garuu amma onneen koo na bira hin jiru. Mukairratti fanniseen dhufe na deebisiitii siifan fida hiriyyaa koo," jetten.
Naachis Shakkidhan, "Dhugaa fiddee dhuftaa?" jedhe gaafate. Qamalenis, "Eyyee fidee dhufeen waliin Eesumaa kee gaafanna," jetten.
Naachis yaada kanaan waaligalee Qamale gara qarqara galaanatti deebisen. Yommuu qarqara galaana ga'aan, Qamalen dugda Naachaa irra utaaltee buute.
Muka irraa erga fiigdee kortee boodas, "Nagaatti hiriyya koo obbo Naacho. Galatoomi waan na bashanansiisteef," jetten.
Naachis baay'ee aare, "Anan na goyyoomsiite jechuu dha? Onnee kee fiddee hin dhuftuu?" Qamaleenis, "Osoo onne hin qabu tahee dugdaa kee irraa hin koru ture," jette deebistef.

