Fantu
Mary Jaffer
Atilabachew Reda

Faantuu Baddiluu naan jedhu. Barattuu kutaa lammaffaati. Umriin koo waggaa torba. Mucaa gaarii fi barattuu cimtuu ta'uun barbaada.

1

Ganama yammuun irribarraa ka'u mana qulqullinaan deema.

2

Harkakoo fi fuulakoo nin dhiqadha. Ilkaankoo nin rigadha. Afaankoos nin lulluuqadha.

3

Cireekoo nyaadhee dabtaraa fi kitaabakiyya qabadhee gara manabarumsaa nin deema.

4

Karaarratli hintaphadhu. Daandii konkolaataas ofeeggadheen ce'a.

5

Mana barumsaatti yeroonin argama.

6

Faaruu fi kabaja sirna alaabaarratti ciminaanin hirmaadha.

7

Daree seenee yeroo maqaankoo waamamu nin howwaadha.

8

Waan barsiiftuun Keenya jettus sirriittin dhaggeeffadha. Waan naaf hin galles nan gafadha.

9

Waan barreeffames dabtarakoorratti garagalchee nin qo'adha.

10

Hiriyootakoo waliinis gareen nin qo'adha.

11

Hojii manaafi shaakala addaddaa hojjadhee akka naaf soroorfamu dursee nin dhiyeeffadha.

12

Yeroo boqonnaa fi laaqanaa hiriyootakoo waliin nin taphadha.

13

Hiriyootakoo waliin gonkumaa wal hin lolu. Yoon balleessellee dhiifama nin gaafadha.

14

Barsiiftuu fi warrikoo waayee barumsa kiyyaa yeroo, yeroon ni mari'atu.

15

Waan barsiiftuu fi maatiinkoo na gorsan kabajaanin fudhadha.

16

Akkan barumsaatii galeen booda, takka taphadhee, hanga yeroo irbaataatti waanin gugyaa barreesse nin dubbisa. Hojii manaakoos nan hojjadha.

17

Irbaata booda harkakoo dhiqadhee, afaankoos lulluqqadheen yeroon rafa.

18
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Fantu
Author - Mary Jaffer
Illustration - Atilabachew Reda
Language - English
Level - First sentences