Dhaala Abbaa
Lemu Wachile
Jacob Kono

Bara durii qotee bulaa cimaa tokkotu ture. 

Haadha mana cimtuufi ijoollee lama qaba.

1

Cimanii waan hojjetaniif soressa turani.

Ijoolleen isaa akka jireenya gaari jiraatan barbaada. Hojii homayyuu akka hojjetan hin barbaadu.

2

Yeroo xiqqoo booddee haati mana isaa ni duute.

3

Erga haati mana isaa duute boodas ijoolleen isaa akka hojii kamiyyuu hojjetan hin barbadne.

Hojii manafi alaa hundumaa isaatu hojjeta.

4

Yeroo dheera booda qoteen bulaan kun jaarsaa dhukkubsata ta'e.

Innis ergaa du'ee booda waan ijoolleen isaa taatu yaade dhiphachuu eegale. Ijoolleen isaa ofii isaani of kununsuu hin danda'an.

5

Ijoolloota isaa waame. Akkasis isaan jedhe, "Warqeen bayyeetu lafa qonnaa jalaa awwaalameera. Kanaafuu barbaaddani qotatani baasun gahee keessani."

6

Olloota isaas waame akkas isaaniin jedhe, "Ani du'uufi ijoolleen koos homa tokkoo hin beekani. Kanaafu, hanga jajjabatani of danda'anitti, ijoollee koo naaf eega."

7

Ergaa namichii du'ee booda, namoonni ollaa yeroo muraasaf ijoollee isaa sooraniif.

8

Obbollewwan kuunis akka warqee lafaa qotiisa keessaatti awwaalame akka hin samamneef itti yaadani.

Lafaa qonnicha qotuufis murtessani.

9

Lafa qotiisicha hunda isaa erga qotanii booda, warqee tasuma argachuu hin dandenye.

10

Isaa booda inni tokko akkas jeedhe obbolessa isaa gaafate, "Abbaan keenya waan nu goyyomsee sitti hin fakkaatu?"

Inni kan biraa akkas jedhe deebiseef, "Abbaan keenya lafa qotisaa jala warqeen jira jedhe osoo hin taane, lafa qotiisichummatu warqeedha jedhe."

11

Isaa booda obbollewwan kunis akkuma qotee bultoota ollaa isaanii lafa qotuu jalqabani.

Qamadii omishaani soressas ta'ani.

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Dhaala Abbaa
Author - Lemu Wachile, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs