Saamtuu
DiresGebre-Meskel
Jacob Kono

Bara durii, daldaaltonni bakka hundumaa deemu ture. Baddaa, gamoojjii, tabba, halayyaf bosona qaxxamurani daldalaa turan.

Daldaltonni kunis yommuu deeman baay'ee ofeegatu. Hattootafi saamtota waan sodaataniif gareen deemu.

1

Gaaf tokko, daldalaan tokko garee waan hin arganneef, kophaa isaa deemuuf murteesse deemsa eegale. Karaa irrattis samtuun itti dhufnan, innis baay'ee sodaate. Samtichis, "Enyuudha ati? Kophaa kee moo nama biraa waliin jirtaa?" jedhee gaafate.

"Ani daldaala dha. Hiriyyoonni koo darbaniiru. Ani kophaa koon jira," jedhee daldaaltichi deebisef.

2

Yeroodhuma sana daldaalan biroo karaa biraan achi gahe. Innis saamticha argee nahe. Suuta jedhee muka jala dhokatee ilaalu eegale.

Saamtichi daldalticha isa duraa ajjeese awwale. Daldaaltichi inni dhokate immoo, "Akkamittan deema? Yoo samtichi kun na arge ananis na ajjeesa," jedhee yaadda'u eegale.

Kanaafuu, yeroo muraasaf bakka dhokate sana ture. Booda keessa garuu hanga dhumaatti bakkicha turuu hin danda'u jedhee waan yaadeef, nan deema jedhee murtesse.

3

Erga bakka samtichi nama ajjeesee awwaale darbee booda naanno ganda tokko ga'e. Gocha saamtichatti waan baay'ee aaref akka durii isaa namoota waliin taphachuus kolfuus hin barbaadne.

Namoonni kana argan, "Dur ni taphataa ture. Har'a garuu gadditeta. Maal taate?" Jedhanii gafaatan. "Nan dadhabe, nan dheebodhes," jedhee deebise.

4

Galgala sana gandicha bule. Guyyaa itti aanu ganama ka'ee deemsa isaa itti fufe. Namoonni gandicha isa waliin deemanis, "Maal taate?" jedhanii irra deddeebi'anii gaafatan.

Innis sammuu isaa keessatti, "Waan saamtichi raawwate namoota kanatti himuu moo dhiisu wayya?" Yeroo dheera erga itti yaade booda namoota gandicha waliin deemanitti hime.

5

Namonni gandichaas saamtichi nama naannoo isaani ta'uu hubatan.

Isaanis, "Wanti akkasii ganda keenya keesatti uumamunsaa nama gaddisiisa. Enyu akka ajjeefame adda baasuuf yaalii ni taasifna," jedhan. Garuu waa'ee saamticha namicha ajjeese homaa tokko iyyuu hin dubanne.

6

Daldaltichis namoota maandarichatti akkas jedhee hime, "Ani saamticha namicha ajjeesee awwaale argeera. Garuu eenyumma isaa sirritti adda baasee hin hubanne. Kanaan booda garuu waan deebi'u natti hin fakkatu."

7

Mootiin gandichas daldaaltonni saamtottan saamamuu, dararamuu fi ajjeefamuu isaani dhaga'e. Innis, "Akkamitti ganda koo keessatti saamtoonni namoota keessummaa ta'an irratti waan akkasii raawwatu?"

Kanaafuu, rakkina kana furuuf mala dhawuu eegale. "Nyaataa fi dhugaatii qopheessee namoota gandichaa hunda walitti qabee saamticha kana qabuufin yaala," jedhee yaade.

8

Mootiin kun namoota gandicha keessa jiraatanin baay'ee jallatama ture. Nyaata fi dhugaatii namoota ganda isaa keessa jiraatan hundaaf qopheesse.

Mootichi sirna nyaataa fi dhugaatii sana irratti ka'ee namoota gandichan akkas jedhee gaafate, "Mucaan durbaa koo dhukkubsateetti. Qorichi dhukkuba ishee immoo turungoo dha. Turungoon kun kan biqilu naannoo laga, bosona baay'ee heddumataa namni hin jiraanne ta'e keessa qofadha. Eenyutu turungoo kana mucaa koottif fiduu danda'aa?"

9

Namoonni hunduu, "Turungoon akkasii naannoo eessatti biqiluu danda'aa?" Jedhanii yaadu eegalan.

Garuu saamtichi dafee bakka taa'uu ka'ee akkas jedhe, "Kabajamoo, ani bakka fuduraan akkasii itti biqilu beeka. Torbee lama qofa naaf kennaa."

10

Saamtichis bakka namicha daldalaa ajjeesee awwaale deeme.

Sababni isaas mukni firii Turungoo kan jiruu naanno sana qofa waan ta'eef dafee bakkicha deemee osoo namni tokko iyyuu isa hin dursin. Isa boodas, Turungoo lama kutee qalqaloo isaa keessa kaawwatee gara mana mootichatti fiiguu eegale.

11

Erga bultii lamaa sadii balbala irra taa'ee eege booda akka olgalu eyyamameef. "Mootii koo qoricha isin barbaaddan mucaa keessanif fiideera," jedhe.

Mootichis, "Fuduraa kana mucaa koottif fiduu keetii gammadeera. Garuu akka ummata koo biratti naaf kennitun barbaada."

12

Mootichis ummata naannoo isaa gara mana isatti waame.

Osoo ummani waamame nyaachafi dhugaa jiruu, mootichi akkas jedhe, "Namichi kun waada isaa eegera. Fuduraa qoricha ta'u argatee anaaf fideera. Ani kennaa guddaa kana isin fulduratti fudhachuun barbaada."

13

Ummanni naannoo sanas samticha kun badhaasa argachuufi jedhanii baayyee itti inaafani. Haala ittin fuduraa kana argates aja'ibsiifatan. Saamtichis qalqaloo isaa banee fuduricha mootisaf kennuuf.

Yommuu Tururngoo laman qalqaloo keessaa baasu. lamaanu Turungoo turan, garuu yommuu mootichatti kennu lamaanu buqqee mataa nama du'ee lama ta'an!

14

Yommuu fuduran Turungoo kun akkas jijiramu, namoonni saamtichatti baay'ee aaranii. Saamtichis walii walaale. Mootichi itti kolfee. Saamtuu daldaltoota ganda isaa keessatti samammanif ajjeeffaman qabuuf baay'ee hawwaa ture.

Mootichi, "Eenyuudha saamtuun kun? Maaloo yaa waaqayyoo saamtuu kana haala ittin qabachuu danda'uu anatti agarsisi," jedhee kadhachaa ture.

15

Gaafa sana garuu waaqayyoo saamtichi eenyu akka ta'e ummata fuula duratti saaxila baase.

Mootichis saamticha nama saamuu fi ajjeessuu waan beekeef, gara mana hidhaatti akka geessan ajaja kenne.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Saamtuu
Author - DiresGebre-Meskel, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - Read aloud